LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 2:3-7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Wanti aarsaa midhaanii irraa hafe kam iyyuu kan Aaronii fi kan ilmaan isaa ti;+ kunis wanta aarsaawwan Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatan irraa hafe waan taʼeef hundumaa caalaa qulqulluu dha.+

      4 “‘Ati aarsaa midhaanii iddoo ibiddaa* keessatti tolfame kan dhiheessitu yoo taʼe, aarsaan sun maxinoo daakuu bullaaʼaa irraa bifa amartiitiin tolfamee fi zayitiidhaan jiidhe yookiin maxinoo haphii daakuu bullaaʼaa irraa tolfamee fi zayitii dibame haa taʼu.+

      5 “‘Aarsaan kee aarsaa midhaanii eeleedhaan tolfame yoo taʼe,+ maxinoo daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame irraa tolfame haa taʼu. 6 Maxinoo sana caccabsiitii zayitii irratti dhangalaasi.+ Kunis aarsaa midhaanii ti.

      7 “‘Aarsaan kee aarsaa midhaanii distii keessatti qophaaʼe yoo taʼe, aarsaan sun daakuu bullaaʼaa fi zayitii irraa kan tolfame haa taʼu.

  • Lakkoofsa 18:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Wantoota hundumaa caalaa qulqulluu taʼanii fi aarsaawwan ibiddaan dhihaatan keessaa aarsaawwan midhaanii+ isaanii, aarsaawwan cubbuu+ isaanii fi aarsaawwan yakkaa+ isaanii warra gara kootti fidan dabalatee aarsaan isaan dhiheessan hundi kan kee ni taʼa. Kun sii fi ilmaan keetiif hundumaa caalaa qulqulluu dha.

  • 1 Qorontos 9:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Namoonni tajaajila qulqulluu raawwatan, wanta mana qulqullummaa keessa jiru irraa akka nyaatanii fi namoonni yeroo hunda iddoo aarsaatti tajaajilan iddoo aarsaa sana irraa qooda isaanii akka fudhatan hin beektanii?+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi