LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yohaannis 3:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 “Isatti kan amanu* hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf+ malee akka hin badneef, Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennutti addunyaa baayʼee jaallateera.+

  • Roomaa 8:32
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 32 Inni Ilma isaatiif illee utuu hin hilin* hunda keenyaaf dabarsee erga isa kennee,+ wantoota kan biraa hundas akkasuma gaarummaadhaan isaa wajjin nuuf hin kennuu ree?

  • Tiitoo 2:13, 14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 akka kanaan abdii gammachiisaa,+ akkasumas mulʼachuu Waaqa keenya isa guddichaa fi mulʼachuu Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoos eegganna; 14 inni wantoota seeraan ala taʼan hunda jalaa bilisa nu baasuuf,*+ akkasumas saba qabeenya dhuunfaa isaa taʼee fi hojii gaariidhaaf hinaafu+ ofii isaatiif qulqulleeffachuuf dabarsee of kenneera.+

  • 1 Yohaannis 1:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Haa taʼu malee, akkuma inni ifa keessa jiru nutis ifaan yoo deddeebine, walii wajjin tokkummaa ni qabaanna, akkasumas dhiigni Ilma isaa Yesuus cubbuu hundumaa irraa nu qulqulleessa.+

  • 1 Yohaannis 3:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Inni lubbuu isaa dabarsee waan nuu kenneef kanaan jaalala beekneerra;+ nutis obboloota keenyaaf lubbuu keenya dabarsinee kennuuf dirqamni nu irra jira.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi