LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 16:34
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 34 Israaʼelotaaf cubbuu isaanii hundumaatiif waggaatti siʼa tokko araara argamsiisuuf,+ kun isiniif dambii dhaabbataa taʼee tajaajila.”+

      Kanaafuu, inni akkuma Yihowaan Musee ajaje ni godhe.

  • Ibroota 9:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Inni dhiiga reʼootaa fi dhiiga jibootaa utuu hin taʼin, dhiiga ofii isaa+ qabatee yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha iddoo qulqulluutti seenuudhaan fayyina* bara baraa nuuf argamsiise.+

  • Ibroota 9:24-26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Sababiin isaas, Kiristoos iddoo qulqulluu isa harkaan hojjetame, isa fakkeenya isa dhugaa sanaa taʼetti+ hin seenne;+ kanaa mannaa, amma nuuf jedhee Waaqayyo* duratti mulʼachuuf+ kallattiidhaan gara samiitti seene.+ 25 Kunis, akka lubni ol aanaan dhiiga isa kan ofii isaa hin taane qabatee waggaa waggaadhaan gara iddoo qulqulluutti seenutti+ yeroo baayʼee of dhiheessuuf hin turre. 26 Utuu akkas taʼee, addunyaan erga hundeeffamee jalqabee yeroo baayʼee dhiphachuu qaba ture. Haa taʼu malee, aarsaa ofii isaatiin cubbuu balleessuuf,+ dhuma sirnootaa* irratti yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha of mulʼiseera.

  • Ibroota 10:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Nuti “fedhii”+ kanaan, karaa kennaa dhaqna Yesuus Kiristoosiin yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha qulqulloofneerra.+

  • 1 Yohaannis 2:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Yaa ijoollee koo, wantoota kana kanan isiniif barreessu akka isin cubbuu hin hojjenneefi. Haa taʼu malee, namni kam iyyuu cubbuu yoo hojjete nuti Abbaa biraa gargaaraa* qabna; innis Yesuus Kiristoos+ isa qajeelaa taʼe dha.+ 2 Inni aarsaa+ araaraa cubbuu keenyaaf dhihaate dha;+ taʼus cubbuu guutummaa addunyaatiifis+ malee cubbuu keenyaaf qofa miti.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi