Baʼuu 23:24 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 24 Waaqolii isaaniitiif hin sagadin yookiin gowwoomfamtee isaan hin tajaajilin; gocha isaaniis hin hordofin.+ Kanaa mannaa, isaan balleessi; siidaawwan waaqeffannaa isaaniis caccabsi.+ Leewwota 26:1 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 26 “‘Waaqolii gatii hin qabne ofii keessaniif hin tolfatinaa;+ fakkii bocame+ yookiin siidaa waaqeffannaa ofii keessaniif hin dhaabbatinaa; gara isaatti sagaduufis+ fakkii dhagaa bocamee+ biyya keessan keessa hin dhaabbatinaa; ani Waaqa keessan Yihowaa dha. Keessa Deebii 12:3 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 3 Iddoowwan aarsaa isaanii diigaa; siidaawwan waaqeffannaa isaanii caccabsaa;+ utubaawwan waaqeffannaa* isaanii ibiddaan gubaa; fakkiiwwan waaqolii isaanii warra bocaman mummuraa;+ maqaa isaaniis guutummaatti iddoo sanaa balleessaa.+
24 Waaqolii isaaniitiif hin sagadin yookiin gowwoomfamtee isaan hin tajaajilin; gocha isaaniis hin hordofin.+ Kanaa mannaa, isaan balleessi; siidaawwan waaqeffannaa isaaniis caccabsi.+
26 “‘Waaqolii gatii hin qabne ofii keessaniif hin tolfatinaa;+ fakkii bocame+ yookiin siidaa waaqeffannaa ofii keessaniif hin dhaabbatinaa; gara isaatti sagaduufis+ fakkii dhagaa bocamee+ biyya keessan keessa hin dhaabbatinaa; ani Waaqa keessan Yihowaa dha.
3 Iddoowwan aarsaa isaanii diigaa; siidaawwan waaqeffannaa isaanii caccabsaa;+ utubaawwan waaqeffannaa* isaanii ibiddaan gubaa; fakkiiwwan waaqolii isaanii warra bocaman mummuraa;+ maqaa isaaniis guutummaatti iddoo sanaa balleessaa.+