LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 3:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Waaqayyo ammas Museedhaan akkana jedhe:

      “Israaʼelotaan akkana jetta: ‘Yihowaa isa Waaqa abbootii keessanii, Waaqa Abrahaam,+ Waaqa Yisihaaqii+ fi Waaqa Yaaqoob+ taʼetu gara keessanitti na erge.’ Bara baraaf maqaan koo isa kana;+ dhalootaa hamma dhalootaattis kanaan nan yaadatama.

  • Baʼuu 6:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Ani Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobitti Waaqa Hundumaa Dandaʼu+ taʼee mulʼachaan ture; haa taʼu malee, maqaa koo isa Yihowaa+ jedhamu guutummaatti isaaniif hin ibsine.+

  • Baʼuu 20:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 “Ani Waaqa kee Yihowaa isa biyya Gibxii keessaa, mana garbummaa jalaa si baase dha.+

  • Faarfannaa 83:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Ati inni maqaan kee Yihowaa taʼe,+

      Guutummaa lafaa irratti kophaa kee Isa Hundaa Olii+ taʼuu kee namoonni haa beekan.

  • Faarfannaa 113:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  3 Baha biiftuutii hamma lixa biiftuutti,

      Maqaan Yihowaa haa jajamu.+

  • Isaayyaas 42:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  8 Ani Yihowaa dha. Maqaan koos isa kana;

      Ulfina koo eenyuuf iyyuu hin kennu,*

      Galata koos fakkiiwwan bocamaniif hin kennu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi