-
Lakkoofsa 21:23, 24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Sihoon garuu Israaʼel biyya isaa keessa akka darbu isaaf hin heyyamne. Kanaa mannaa, Sihoon namoota isaa hundumaa walitti qabee Israaʼeliin waraanuuf gara lafa onaatti baʼe; achiis gara Yaahaaz dhaqee Israaʼeliin loluu jalqabe.+ 24 Haa taʼu malee, Israaʼel goraadeedhaan isa moʼee,+ Arnoonii jalqabee+ hamma Yaaboq+ isa naannoo Amoonotaa bira jiruutti lafa isaa ni dhaale;+ taʼus Yaazeer+ daangaa Amoonotaa+ irra waan jirtuuf ishii bira hin darbine.
-
-
Lakkoofsa 21:33-35Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
33 Sana booda deebiʼanii karaa Baashaanitti geessu qabatanii ol ni baʼan. Oog+ mootiin Baashaanis namoota isaa hundumaa qabatee Edraayitti isaan waraanuuf gad baʼe.+ 34 Yihowaanis Museedhaan, “Ani isas taʼe saba isaa hundumaa, akkasumas biyya isaa harka keetti dabarsee waanan kennuuf+ isa hin sodaatin;+ atis wantuma Sihoon mootii Amoorotaa isa Heshboon keessa jiraachaa ture irratti goote isa irrattis ni goota” jedhe.+ 35 Kanaafuu, isaan saba isaa keessaa nama tokko illee utuu hin hambisin isa, ilmaan isaa fi namoota isaa hundumaa ni rukutan;+ biyya isaas ni dhaalan.+
-