LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 18:13-16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Achiis Yihowaan samii keessaa kakawweessaʼuu jalqabe;+

      Inni Hundaa Oliis cabbii guguddaa fi barbadaadhaan

      Sagaleen isaa akka dhagaʼamu godhe.+

      14 Xiyya isaa darbatee isaan bittinneesse;+

      Bakakkaa isaa buusees isaan burjaajesse.+

      15 Yaa Yihowaa, dheekkamsa keetiin, hafuura cimaa funyaan kee keessaa baʼuunis,+

      Hundeen lageenii* ni mulʼate;+

      Buʼuurawwan lafaas ni saaxilaman.

      16 Bakka ol kaʼaa irraa harka isaa diriirse;

      Inni na qabee bishaanota gad fagoo keessaa harkisee na baase.+

  • Isaayyaas 30:30
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 Yihowaan sagaleen+ isaa inni ulfina qabeessa taʼe akka dhagaʼamu ni godha,

      Inni labooba ibiddaa gubuun,+

      Bokkaa yandoodhaan,+ bubbee kakawwee qabuu fi cabbii guguddaadhaan+

      Irreen isaa+ aarii guddaadhaan+ yommuu gad buʼu ni argisiisa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi