LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 12:3-11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Akkana jedhiitii guutummaa yaaʼii Israaʼelitti dubbadhu: ‘Jiʼa kana keessaa guyyaa kurnaffaatti, tokkoon tokkoon isaanii mana abbaa isaaniitiif hoolaa+ tokko, jechuunis mana tokkoof hoolaa tokko haa fudhatan. 4 Maatichi hoolaa tokko nyaatee fixuu kan hin dandeenye yoo taʼe garuu, isaan ollaa isaanii isa isaanitti dhihoo jiruu wajjin akka lakkoofsa namoota* isaaniitti mana isaanii keessatti haa hiratan. Yommuu shallagdanittis tokkoon tokkoon namaa hoolicha irraa hammam akka nyaatu murteessaa. 5 Hoolaan sun mudaa kan hin qabnee+ fi xobbaallaa waggaa tokkoo taʼuu qaba. Xobbaallaa hoolaa yookiin reʼee keessaa filachuu dandeessu. 6 Jiʼa kana keessa hamma guyyaa 14ffaatti+ isa kunuunsaa; achiis guutummaan yaaʼii Israaʼel yeroo dimimmisaaʼu* isa haa qalu.+ 7 Achiis dhiiga isaa irraa muraasa fudhatanii maqaanii lamaan irrattii fi gubanii balbala manichaa isa hoolicha keessatti nyaatan sanaa irratti haa facaasan.+

      8 “Isaan foonicha galgaluma kana haa nyaatan.+ Foonicha ibiddaan waadanii maxinoo+ fi baala hadhaaʼaadhaan+ haa nyaatan. 9 Foonicha irraa isa kam iyyuu dheedhii isaa yookiin affeelamaa isaa hin nyaatinaa; kanaa mannaa mataa isaa, luka isaa fi miʼa garaa isaa wajjin ibiddaan waadaa. 10 Foonicha irraa isa kam iyyuu hamma ganamaatti hin hambisinaa; foon hamma ganamaatti hafe kam iyyuu ibiddaan gubaa.+ 11 Qabattoo keessan hidhattanii,* kophee keessan kaaʼattanii, ulee keessanis harkatti qabattanii foonicha nyaachuu qabdu; saffisaan isa nyaachuu qabdu. Kun Faasikaa Yihowaa ti.

  • 2 Mootota 23:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Yeroo kanatti mootichi, “Akkuma kitaaba kakuu kana irratti barreeffametti Waaqa keessan Yihowaadhaaf Faasikaa kabajaa”+ jedhee guutummaa sabichaa ajaje.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi