-
1 Mootota 8:46-50Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
46 “Isaan si irratti cubbuu yoo hojjetan (silaa namni cubbuu hin hojjenne hin jiru),+ atis isaanitti baayʼee aartee diina tokkotti dabarsitee yoo isaan kennite, warri isaan boojiʼan sunis boojuudhaan gara biyya diinaa fagoos taʼe dhihootti yoo isaan geessan,+ 47 isaaniis biyya boojuudhaan itti fudhataman keessa utuu jiranii gara qalbii isaaniitti yoo deebiʼanii+ fi gara keetti yoo garagalan,+ biyya namoota isaan boojiʼan sanaa keessa utuu jiraniis, ‘Cubbuu fi dogoggora raawwanneerra; hammina raawwanneerra’+ jedhanii fudhatama argachuuf yoo si kadhatan,+ 48 isaanis biyya diinonni isaanii boojuudhaan itti isaan fudhatan keessa utuu jiranii garaa isaanii guutuu fi lubbuu* isaanii guutuudhaan gara keetti yoo deebiʼan,+ gara kallattii biyya isaanii isa ati abbootii isaaniitiif kennitettii fi magaalaa ati filatteetti, akkasumas gara mana ani maqaa keetiif ijaaretti kadhannaa yoo sitti dhiheessan,+ 49 ati bakka jireenyaa kee samii keessaa+ kadhannaa isaanii fi wawwaannaa isaan fudhatama argachuuf dhiheessan dhagaʼi; murtiis isaaniif kenni; 50 yakka isaan si irratti raawwatan hunda isaaniif dhiisuudhaan, saba kee warra si irratti cubbuu hojjetaniif dhiifama godhi. Ati warri isaan boojiʼan akka isaaniif gaddan ni goota; isaanis isaaniif ni gaddu+
-