LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 28:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 “Haa taʼu malee, ajajawwanii fi dambiiwwan isaa warra ani harʼa si ajaju kana hundumaa eeguu dhiisuudhaan sagalee Waaqa kee Yihowaa dhagaʼuu yoo didde, abaarsawwan kun baayʼinaan si irra ni gaʼu:+

  • Keessa Deebii 28:36
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 36 Yihowaan siinis taʼe mootii ati of irratti muudde gara saba atis taate abbootiin kee hin beeknetti ni ariʼa;+ achittis waaqolii kan biroo warra mukaa fi dhagaa irraa tolfaman ni tajaajilta.+

  • 2 Mootota 17:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Hosheʼaan mootii taʼee waggaa saglaffaa isaatti, mootiin Asoor Samaariyaa ni qabate.+ Achiis inni namoota Israaʼel boojiʼee+ gara Asooritti geessuudhaan Haalaa fi Haaboor isa laga Goozaan+ bira jiru keessa, akkasumas magaalota Meedon keessa qubachiise.+

  • 2 Mootota 25:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Mootiin Baabilonis Riblaa isa biyya Hamaat+ keessatti argamutti rukutee isaan ajjeese. Akka kanaan, Yihudaan boojiʼamee biyya isaa keessaa ni fudhatame.+

  • 2 Seenaa Baraa 6:36-39
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 36 “Isaan si irratti cubbuu yoo hojjetan (silaa namni cubbuu hin hojjenne hin jiru),+ atis isaanitti baayʼee aartee diina tokkotti dabarsitee yoo isaan kennite, warri isaan boojiʼan sunis boojuudhaan gara biyya fagoos taʼe dhihootti yoo isaan geessan,+ 37 isaaniis biyya boojuudhaan itti fudhataman keessa utuu jiranii gara qalbii isaaniitti yoo deebiʼanii fi gara keetti yoo garagalan, biyya boojuudhaan itti fudhataman sana keessa utuu jiraniis, ‘Cubbuu fi dogoggora raawwanneerra; hammina raawwanneerra’ jedhanii fudhatama argachuuf yoo si kadhatan,+ 38 isaanis biyya boojuudhaan itti fudhataman keessa utuu jiranii+ garaa isaanii guutuu fi lubbuu* isaanii guutuudhaan gara keetti yoo deebiʼan,+ gara kallattii biyya isaanii isa ati abbootii isaaniitiif kennitettii fi magaalaa ati filatteetti,+ akkasumas gara mana ani maqaa keetiif ijaaretti kadhannaa yoo dhiheessan, 39 ati bakka jireenyaa kee samii keessaa kadhannaa isaanii fi wawwaannaa isaan fudhatama argachuuf dhiheessan dhagaʼi; murtiis isaaniif kenni;+ saba kee warra si irratti cubbuu hojjetaniif dhiifama godhi.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi