27 Haa taʼu malee, Iyyaasuun guyyaa sanatti guutummaa yaaʼichaatiif, akkasumas iddoo aarsaa Yihowaa isa bakka inni filatutti+ argamuuf warra qoraan funaananii fi bishaan waraaban akka taʼan ni godhe;+ isaanis hamma harʼaatti hojii kana hojjechaa jiru.+