LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 15:1-5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Yaa Yihowaa, keessummummaadhaan dunkaana kee keessatti kan simatamu eenyu?

      Gaara kee isa qulqulluu irra kan jiraatu hoo eenyu?+

       2 Nama balleessaa malee* deddeebiʼu,+

      Nama wanta sirrii taʼe raawwatu,+

      Akkasumas nama garaa isaatti dhugaa dubbatu.+

       3 Inni arraba isaatiin maqaa hin balleessu,+

      Wanta hamaa taʼe tokko illee nama irratti hin raawwatu,+

      Maqaa michoota isaas hin xureessu.*+

       4 Nama salphaa taʼe kam iyyuu ni tuffata,+

      Namoota Yihowaa sodaatan garuu ni kabaja.

      Kan isa miidhu yoo taʼe illee, waadaa* gale raawwachuu irraa duubatti hin jedhu.+

       5 Maallaqa isaa dhalaan hin liqeessu,+

      Isa balleessaa hin qabne miidhuuf mattaʼaa hin fudhatu.+

      Namni wantoota kana raawwatu kam iyyuu matumaa hin raafamu.*+

  • Faarfannaa 27:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Wanta tokko Yihowaa nan gaafadha,

      Isas hawwiidhaan nan eeggadha,

      Innis bara jireenyaa koo hundumaatti mana Yihowaa keessa jiraachuu,+

      Gaarummaa Yihowaa arguu,

      Mana qulqullummaa* isaas dinqisiifannaadhaan* ilaaluu dha.+

  • Faarfannaa 84:1-4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 84 Yaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa,

      Godoo qulqulluun kee inni guddaan akkam bareeda!*+

       2 Guutummaan eenyummaa kootii*

      Mooraa Yihowaa hawweera;+

      Eeyyee, ani mooraa isaa hawwuu irraa kan kaʼe gaggabeera.

      Garaan koo fi foon koo Waaqa isa jiraataadhaaf ni ililchu.

       3 Mootii koo fi Waaqa koo kan taate

      Yaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa, iddoo aarsaa kee biratti

      Simbirroon illee mana ni argatti,

      Dimbiixiinis ofii ishiitiif manʼee,

      Bakka cuucota ishii itti kunuunsitu achitti ni argatti.

       4 Warri mana kee keessa jiraatan gammadoo dha!+

      Isaan si jajachuu isaanii itti fufu.+ (Seelaa)

  • Faarfannaa 84:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Guyyaa kuma bakka kan biraa jiraachuu irra guyyuma tokko mooraa kee keessa ooluu wayya!+

      Dunkaanota hamminaa keessa jiraachuu mannaa

      Gubanii balbala mana Waaqa kootii bira dhaabbachuun filadha.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi