LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 22:22-24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 “Dubartii abbaan manaa irraa duʼe yookiin mucaa abbaa hin qabne* kam iyyuu hin cunqursinaa.+ 23 Ati yoo isa cunqursitee fi innis gara kootti yoo iyye, ani dhugumaan iyya isaa nan dhagaʼa;+ 24 aariin koo ni bobaʼa; anis goraadeedhaan isin nan ajjeesa; haadhotiin manaa keessan dubartoota abbaan manaa irraa duʼe ni taʼu; ijoolleen keessanis ijoollee abbaa hin qabne ni taʼu.

  • Keessa Deebii 10:17, 18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Sababiin isaas, Waaqni keessan Yihowaan Waaqa waaqolii,+ Gooftaa gooftotaa, Waaqa guddaa, jabaa fi sodaatamaa taʼe dha; inni eenyuuf iyyuu hin loogu,+ mattaʼaas hin fudhatu. 18 Inni mucaa abbaa* hin qabnee fi dubartii abbaan manaa irraa duʼeef haqaan ni murteessa;+ nama biyya ormaa ni jaallata;+ nyaataa fi uffatas isaaf ni kenna.

  • Faarfannaa 10:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Taʼus ati rakkinaa fi dhiphina ni argita.

      Ilaaltees furmaata ni kennita.+

      Inni nama gaddisiisu gara keetti garagala;+

      Ati mucaa abbaa hin qabne* ni gargaarta.+

  • Faarfannaa 146:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  9 Yihowaan namoota biyya ormaa ni eega;

      Mucaa abbaa hin qabnee fi dubartii abbaan manaa irraa duʼe ni gargaara,+

      Karoora hamootaa garuu ni fashaleessa.*+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi