LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Saamuʼel 7:12-15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Barri jireenyaa kee dhumee+ abbootii kee wajjin yommuu boqottutti, sanyii kee isa si booda dhufu, jechuunis ilma kee* nan kaasa; mootummaa isaas jabeessee nan dhaaba.+ 13 Mana maqaa kootiif taʼu kan ijaaru isa dha;+ anis teessoo mootummaa isaa bara baraaf jabeessee nan dhaaba.+ 14 Ani abbaa isaa nan taʼa, innis ilma koo ni taʼa.+ Yommuu inni balleessaa raawwatu, ulee namootaatiin, harcummee* ilmaan namootaatiinis* isa nan adaba.+ 15 Akkuman jaalala koo isa amanamaa Saaʼol isan si duraa balleesse sana irraa fuudhe,+ jaalalli koo inni amanamaan isa irraa hin fudhatamu.

  • Faarfannaa 132:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Yihowaan Daawitiif kakateera;

      Inni matumaa isa akkana jedhee dubbate raawwachuu irraa duubatti hin jedhu:

      “Ani sanyii* kee keessaa isa tokko

      Teessoo kee irra nan kaaʼa.+

  • Isaayyaas 55:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  3 Gurra keessan natti qabaa, gara koos kottaa.+

      Dhagaʼaa, lubbuudhaanis ni jiraattu,

      Anis jaalala amanamaa hin badne isa Daawititti argisiifamee wajjin haala wal simuun,+

      Fedhii kootiin isinii wajjin kakuu bara baraa nan gala.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi