LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 68:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Waaqayyo warra koʼeeyyii taʼaniif mana jireenyaa ni kenna;+

      Hidhamtoota bilisa baasee gara badhaadhinaatti geessa.+

      Warri didaa* taʼan garuu biyya waxalame keessa jiraatu.+

  • Faarfannaa 146:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 Warra gowwoomfamaniif haqa kan argamsiisu,

      Warra beelaʼaniifis nyaata kan kennu isa dha.+

      Yihowaan hidhamtoota ni hiika.+

  • Isaayyaas 49:8, 9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  8 Yihowaan akkana jedha:

      “Yeroo fudhatama qabutti* deebii siif kenneera,+

      Guyyaa fayyinaattis si gargaareera;+

      Ani sabootaaf kakuu godhee si kennuuf eegumsa siif nan godha,+

      Kunis biyyattii deebistee akka ijaartuuf,

      Dhaala isaanii isa one akka isaan dhaalchistuuf,+

       9 Hidhamtootaan, ‘Gad baʼaa!’+

      Warra dukkana keessa jiraniinis,+ ‘Of mulʼisaa!’ akka jettuufi.

      Isaan daandiiwwan bira ni sooratu,

      Karaawwan dullooman* hundumaa qarqaras bakka dheedichaa ni godhatu.

  • Isaayyaas 61:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 61 Hafuurri Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa ana irra jira,+

      Sababiin isaas, Yihowaan garraamotaaf misiraachoo akkan labsu na dibeera.+

      Warra garaan isaanii cabe* akkan walʼaanu,

      Warra boojiʼamaniif bilisa baʼuu akkan labsu,

      Ijji hidhamtootaa akka banamus akkan labsu na ergeera;+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi