-
Maatewos 21:7-9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Harree sanaa fi ilmoo ishii ni fidan; uffata isaaniis isaan irra buusan; Yesuusis irra taaʼe.+ 8 Namoota hedduu sana keessaa baayʼeen isaanii uffata isaanii karaa irra afan;+ warri kaan immoo dameewwan mukaa kukkutanii karaa irra afan. 9 Kana malees, namoonni isa duraa fi isa duuba deeman hedduun, “Ilma Daawit+ akka oolchitu si kadhanna! Inni maqaa Yihowaatiin* dhufu eebbifamaa dha!+ Yaa isa samii irra jirtuu, akka isa oolchitu si kadhanna!”+ jedhanii iyyu turan.
-
-
Maarqos 11:7-10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Achiis ilmoo harree+ sana gara Yesuusitti fidanii uffata isaanii irra buusan; innis irra taaʼe.+ 8 Kana malees, namoonni hedduun uffata isaanii karaa irra afan; warri kaan immoo qarqara karichaatii damee baala qabu kutanii afan.+ 9 Namoonni isa duraa fi isa booda deemanis akkana jedhanii iyyu turan: “Akka isa oolchitu si kadhanna!+ Inni maqaa Yihowaatiin* dhufu eebbifamaa dha!+ 10 Mootummaan abbaa keenya Daawit+ inni dhufu eebbifamaa dha! Yaa isa samii irra jirtuu, akka isa oolchitu si kadhanna!”
-
-
Luqaas 19:37, 38Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
37 Achiis daandii Gaara Ejersaa irraa gad buusutti akkuma dhihaateen, barattoonni isaa hundi dinqiiwwan argan hundumaatiin kan kaʼe, gammaduu fi sagalee isaanii guddisanii Waaqayyoon jajachuu jalqaban; 38 “Mootiin maqaa Yihowaatiin* dhufu eebbifamaa dha! Nagaan samii irratti, ulfinnis ol gubbaa irratti haa taʼu!”+ jedhu turan.
-