LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Saamuʼel 1:10, 11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Haannaan baayʼee waan gadditeef, Yihowaa kadhachuu+ fi hirqinfattee booʼuu jalqabde. 11 Akkana jettees ni wareegde:* “Yaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa, dhiphina ana tajaajiltuu teetii ilaaltee yoo na yaadatte, tajaajiltuu tee utuu hin irraanfatinis mucaa dhiiraa yoo ishiidhaaf kennite,+ yaa Yihowaa ani immoo bara jireenyaa isaa guutuu isa siif nan kenna; haadduunis mataa isaa hin tuqu.”+

  • 2 Saamuʼel 16:11, 12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Achiis Daawit, Abishaayii fi tajaajiltoota isaa hundumaatiin akkana jedhe: “Kunoo, ilmi koo inni foon koo taʼe illee lubbuu koo balleessuu barbaada erga taʼee,+ namichi Biiniyaam+ kun immoo kana caalaa gochuu hin barbaaduu ree? Yihowaan akka na abaaru waan isatti himeef, dhiisaa na haa abaaru! 12 Tarii Yihowaan miidhamuu koo ilaalee,+ bakka abaarsa harʼa na irra gaʼaa jiru kanaa, Yihowaan wanta gaarii naaf godha taʼa.”+

  • Isaayyaas 38:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Hisqiyaas mootiin Yihudaa dhukkuba isaa irraa erga fayyee booda barreeffama tokko ni barreesse.*

  • Isaayyaas 38:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Yaa Yihowaa, na oolchi,

      Nutis guutummaa bara jireenyaa keenyatti mana Yihowaa keessatti,+

      Meeshaawwan muuziqaa ribuu qabaniin faarfannaawwan koo ni faarfanna.’”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi