-
Lallaba 2:18, 19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Ani nama na booda dhufuuf dhiisee waanan darbuuf,+ wantan samii jalatti baayʼee itti dadhabee argadhe hundumaa nan jibbe.+ 19 Inni ogeessa yookiin gowwaa akka taʼu eenyutu beeka?+ Taʼus inni wantoota ani carraaqqii guddaa fi ogummaadhaan samii jalatti argadhe hundumaa ni fudhata. Kunis wanta gatii hin qabne dha.
-
-
Lallaba 4:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Namni michuu tokko malee kophaa isaa jiraatu jira; inni ilma yookiin obboleessa hin qabu; taʼus hojiin inni jabaatee hojjetu hundi dhuma hin qabu. Ijji isaa matumaa badhaadhina hin quufu.+ Garuu inni, ‘Ani jabaadhee kanan hojjedhuu fi wantoota gaggaarii kanan of* dhowwu eenyuuf jedheeni?’+ jedhee of ni gaafataa? Kunis wanta gatii hin qabnee fi hojii gaddisiisaa dha.+
-
-
Luqaas 12:19, 20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 achiis ofii* kootiin, “Ati,* wantoota gaggaarii hedduu waggaa baayʼeedhaaf si gaʼu qabda; egaa dhimma hin qabaatin, nyaadhu, dhugi, gammadis” nan jedha.’ 20 Waaqayyo garuu, ‘Gowwaa nana, halkanuma kana lubbuu kee si irraa fudhachuu barbaadu. Egaa wanti ati walitti qabatte kun eenyuuf taʼa ree?ʼ+ isaan jedhe.
-