LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 1:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Achiis Waaqayyo akkana jedhe: “Kunoo, ani biqiltuu sanyii godhatuu fi guutummaa lafaa irratti argamu hundumaa, akkasumas muka firii sanyii qabu godhatu hundumaa isiniif kenneera. Isaan nyaata isiniif haa taʼan.+

  • Uumama 9:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Uumamni jiraataan sochoʼu hundi nyaata isiniif haa taʼu.+ Akkuman biqiltuu lalisaa isiniif kenne, kanneen kana hundumaas isiniif nan kenna.+

  • Faarfannaa 144:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  3 Yaa Yihowaa, akka isa yaadattuuf namni maali dha?

      Akka xiyyeeffannaa isaaf kennituufis ilmi nama duʼuu maali dha?+

  • Maatewos 6:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 “Kanaafuu, ani isinitti nan hima, waaʼee jireenya* keessanii ‘Maal nyaanna?’ yookiin ‘Maal dhugna?’ yookiin waaʼee dhaqna keessanii ‘Maal uffanna?’+ jettanii yaaddaʼuu keessan dhiisaa.+ Jireenyi* nyaata irra, qaamnis uffata irra hin caaluu?+

  • Maatewos 6:30
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 Waaqayyo biqiltoota dirree keessaa warra harʼa mulʼatanii boru gara iddoo ibiddaatti gataman akkanatti itti uwwisa erga taʼee, isin namoota amantii xinnoo qabdan nana, isinitti immoo kana caalaa hin uwwisuu ree?

  • Yohaannis 3:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 “Isatti kan amanu* hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf+ malee akka hin badneef, Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennutti addunyaa baayʼee jaallateera.+

  • Hojii Ergamootaa 14:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 taʼus wanta gaarii gochuudhaan, jechuunis samii irraa bokkaa roobsuudhaan, waqtiilee firii qaban isiniif kennuudhaan,+ akkasumas nyaata akka quuftanii fi garaan keessan gammachuudhaan akka guutamu gochuudhaan+ waaʼee ofii isaa dhugaa baʼeera.”+

  • Ibroota 2:6-8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Haa taʼu malee, iddoo tokkotti ragaa baatuun tokko akkana jedheera: “Akka isa yaadattuuf namni maali dha? Yookiin akka isa kunuunsituuf ilmi namaa maali dha?+ 7 Maleekota irra xinnuma isa xiqqeessite; ulfinaa fi kabaja isa gonfachiiste, hojiiwwan harka keetii irrattis isa muudde. 8 Wantoonni hundi miila isaa jalatti akka isaaf bitaman goote.”+ Waaqayyo, wantoonni hundi akka isaaf bitaman gochuudhaan,+ wanti isaaf hin bitamne tokko illee akka hin jiraanne godheera.+ Taʼus, amma wantoonni hundi yommuu isaaf bitaman argaa hin jirru.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi