LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 31:2, 3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 “Kunoo, ani Bezaaliʼel+ isa ilma Uurii, ilma ilma Huur isa gosa Yihudaa+ taʼe sana filadheera.* 3 Inni ogummaa, hubannaa fi beekumsa akka qabaatuuf, akkasumas ogummaa harkaa akaakuu hundumaa irratti dandeettii akka qabaatuuf hafuura Waaqayyootiin isa nan guuta;

  • 1 Mootota 4:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Waaqayyos ogummaa fi hubannaa guddaa, akkasumas gara balʼina* akka cirracha qarqara galaanaa taʼe Solomooniif ni kenne.+

  • 2 Ximotewos 3:16, 17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Kitaabonni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffaman+ yeroo taʼu, barsiisuuf,+ balleessaa hubachiisuuf, wanta hundumaa sirreessuuf, qajeelummaadhaan leenjisuuf* fayyadu;+ 17 kunis namni Waaqaa hojii gaarii hundumaatiif akka gaariitti hidhachuudhaan guutummaatti kan qophaaʼe akka taʼuufi.

  • Yaaqoob 3:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Ogummaan inni ol gubbaadhaa dhufu garuu, hundumaa dura qulqulluu dha,+ achiis naga qabeessa,+ yaada ofiitti kan hin cichine,+ ajajamuuf kan qophaaʼe, gara laafinaa fi firii gaariidhaan kan guutame,+ kan hin loognee+ fi kan hin fakkeessine+ dha.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi