-
Keessa Deebii 28:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 “Haa taʼu malee, ajajawwanii fi dambiiwwan isaa warra ani harʼa si ajaju kana hundumaa eeguu dhiisuudhaan sagalee Waaqa kee Yihowaa dhagaʼuu yoo didde, abaarsawwan kun baayʼinaan si irra ni gaʼu:+
-
-
Iyyaasuu 7:24, 25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Iyyaasuunii fi guutummaan Israa’el warri isaa wajjin turanis Akaan+ ilma Zeeraa, meeticha, uffata gaarii sanaa fi warqii battee sana,+ ijoollee dhiiraa isaa, ijoollee durbaa isaa, qotiyyoo isaa, harree isaa, bushaayee* isaa, dunkaana isaa fi wanta kan isaa taʼe hundumaa wajjin fuudhanii gara Sulula* Akooritti+ isaan geessan. 25 Iyyaasuunis, “Maaliif badiisa* nu irratti fidde?+ Yihowaanis harʼa badiisa si irratti fida” isaan jedhe. Yeroo kanatti guutummaan Israaʼel dhagaadhaan isa tuman;+ sana booda ibiddaan isaan guban.+ Akka kanaan hunduma isaanii dhagaadhaan ni tuman.
-
-
Asteer 9:24, 25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Kanas kan godhan, Haamaan+ ilmi Hamedaataa Agaagichi+ inni diina Yihudoota hundumaa taʼe, Yihudoota balleessuuf mala qopheessee waan tureef,+ akkasumas isaan naasisuu fi isaan balleessuuf Puur, jechuunis Carraa buusee waan tureefi.+ 25 Haa taʼu malee, yommuu Asteer mooticha duratti dhihaattu, mootichi ajaja barreeffamaa,+ “Malli inni hamminaan Yihudoota irratti qopheesse+ kun mataa isaa irratti haa deebiʼu” jedhu kenne; isaanis isaa fi ilmaan isaa jirma irratti fannisan.+
-