-
1 Saamuʼel 19:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Kanaafuu, Yonaataan abbaa isaa Saaʼolitti waaʼee Daawit wanta gaarii dubbate.+ Akkana isaan jedhe: “Mootichi tajaajilaa isaa Daawit irratti cubbuu hin hojjetin; sababiin isaas, inni si irratti cubbuu hin hojjenne; wanti inni siif godhes si fayyadeera.
-
-
1 Saamuʼel 25:23, 24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Abigaayil Daawitiin yommuu argitu, daftee harree irraa buutee adda ishiitiin lafatti gombifamtee Daawit duratti sagadde. 24 Achiis miila isaatti kuftee, akkana jette: “Yaa gooftaa koo, balleessaan isaa ana irratti haa taʼu; tajaajiltuun tee sitti haa dubbattu; atis wanta tajaajiltuun tee jettu dhagaʼi.
-
-
Asteer 4:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 akkana jedhee Asteeriif deebise: “Ati mana mootichaa keessa waan jirtuuf qofa Yihudoota hundumaa gidduudhaa ooluu akka dandeessu gootee hin yaadin. 14 Ati yeroo kanatti yoo calliste, boqonnaanii fi fayyinni bakka kan biraatii Yihudootaaf ni dhufa;+ atii fi manni abbaa keetii garuu ni baddu. Ati mootuu kan taate yeroo akkanaatiif yoo taʼe maaltu beeka?”+
-
-
Faarfannaa 145:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Isaan ulfina mootummaa keetii ni labsu,+
Waaʼee jabina keetiis ni dubbatu,+
-