-
Luqaas 1:30-35Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 Kanaafuu, maleekaan sun akkana ishiidhaan jedhe: “Yaa Maariyaam, Waaqayyo duratti fudhatama waan argatteef hin sodaatin. 31 Kunoo, ulfooftee ilma ni deessa;+ maqaa isaas Yesuus jettee moggaasta.+ 32 Inni guddaa ni taʼa;+ Ilma Isa Hundaa Olii ni jedhama;+ Yihowaanis* teessoo abbaa isaa Daawit isaaf ni kenna;+ 33 inni mana Yaaqoob irratti bara baraaf Mootii taʼee ni bulcha; Mootummaan isaas dhuma hin qabaatu.”+
34 Maariyaam garuu maleekaa sanaan, “Dhiiraa wajjin saalqunnamtii raawwadhee waanan hin beekneef, kun akkamitti taʼuu dandaʼa?”+ jette. 35 Maleekaan sunis akkana jedhee ishiidhaaf deebise: “Hafuurri qulqulluun si irra buʼa,+ humni Isa Hundaa Oliis si golga. Kanaan kan kaʼes mucaan dhalatu qulqullicha,+ Ilma Waaqayyoo+ jedhama.
-