LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ermiyaas 34:2, 3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Dhaqiitii Zedeeqiyaa+ mootii Yihudaatiin akkana jedhi: “Yihowaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani magaalaa kana harka mootii Baabilonitti dabarsee nan kenna, innis ibiddaan ishii guba.+ 3 Ati shakkii tokko malee waan qabamtuuf, dabarfamtees harka isaatti waan kennamtuuf, harka isaa jalaa hin miliqxu.+ Ijaa ijatti mootii Baabilon ni argita, innis fuulaa fuulatti sitti ni dubbata; atis gara Baabilon ni deemta.’+

  • Ermiyaas 37:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Kaladoonnis deebiʼanii dhufanii magaalaa kana waraananii ishii ni qabatu, ibiddaanis ishii ni gubu.”+

  • Ermiyaas 37:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Achiis Zedeeqiyaan Mootichi ergee isa waamsisee mana* isaa keessatti dhoksaatti gaaffii isa gaafate.+ “Dubbiin Yihowaa biraa dhufe jiraa?” jedhee isa gaafate. Ermiyaasis, “Eeyyee jira!” jedhe; itti fufuudhaanis, “Ati harka mootii Baabilonitti dabarfamtee ni kennamta!” isaan jedhe.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi