LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ermiyaas 13:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Isa tokko isa kan biraatti, abbootaa fi ilmaanis walitti rukutee nan caccabsa.+ Gara laafina isaanitti hin argisiisu yookiin isaaniif hin gaddu yookiin araara akkamii iyyuu isaanitti hin argisiisu; isaan balleessuu irraa wanti na dhowwus hin jiraatu” jedha Yihowaan.’+

  • Ermiyaas 21:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 “‘Yihowaan akkana jedha: “Sana booda ani Zedeeqiyaa mootii Yihudaa, tajaajiltoota isaa fi namoota magaalaa kanaa warra golfaa, goraadee fi beela sana irraa oolan, harka Nebukadnezaar* mootii Baabilonitti, harka diinota isaaniittii fi harka warra lubbuu isaanii balleessuu barbaadaniitti* dabarsee nan kenna.+ Innis goraadeedhaan rukutee isaan ajjeesa. Inni isaaniif hin gaddu, gara laafina yookiin araara akkamii iyyuu isaanitti hin argisiisu.”’+

  • Faaruu Ermiyaas 3:43
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 43 Nuti sitti akka hin dhihaanneef dheekkamsa keetiin daandii nutti cufteetta;+

      Nu ariiteetta, gara laafina malees nu ajjeesteetta.+

  • Hisqiʼel 5:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kanaafuu, lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, ati waaqolii tolfamoo kee warra balfamoo taʼanii fi gochawwan kee warra jibbisiisoo taʼan hundumaatiin iddoo koo isa qulqulluu waan xureessiteef,+ anis sin gata;* ijji koo siif hin gaddu; anis gara laafina sitti hin argisiisu.+

  • Hisqiʼel 9:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Maanguddoo, dargaggeessa, durba, mucaa xinnoo fi dubartoota utuu hin jedhin hunduma isaanii ajjeesaa.+ Haa taʼu malee, nama mallattoon sun irra jiru kamitti iyyuu hin dhihaatinaa.+ Iddoo qulqulluu koo irraa jalqabaa.”+ Kanaafuu, isaan jaarsolii manicha fuuldura turan irraa jalqaban.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi