LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 12:29-31
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 “Waaqni kee Yihowaan saboota ati biyya isaaniitii ariitu haxaaʼee yommuu balleessuttii+ fi atis biyya isaanii keessa yommuu jiraattutti, 30 isaan si duraa haxaaʼamanii erga balleeffamanii booda kiyyoo keessa akka hin galle of eeggadhu. ‘Saboonni kun waaqolii isaanii tajaajiluu barsiifata kan godhatan akkamitti? Anis akkanuma nan godha’ jettee waaʼee waaqolii isaanii hin gaafatin.+ 31 Isaan ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii illee waaqolii isaaniitiif ibiddaan gubuudhaan, wanta jibbisiisaa Yihowaan jibbu hundumaa waaqolii isaaniitiif ni godhu; ati garuu Waaqa kee Yihowaadhaaf wanta akkanaa hin godhin.+

  • 2 Seenaa Baraa 28:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Akaaz+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 20 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 16f ni bulche. Akka abbaan isaa Daawit godhetti, inni wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe hin goone.+

  • 2 Seenaa Baraa 28:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Kana malees, Sulula Ilma Hinoom* keessatti aarsaa aarfamu ni dhiheesse; akkasumas gochawwan jibbisiisoo saboonni warri Yihowaan Israaʼelota duraa ariʼe sun raawwachaa turan duukaa buʼuudhaan+ ilmaan isaa ibiddaan ni gube.+

  • Faarfannaa 106:34-36
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 34 Akka Yihowaan isaan ajajee turetti+

      Isaan saboota sana haxaaʼanii hin balleessine.+

      35 Kanaa mannaa, saboota sanatti makamanii+

      Daandiiwwan isaanii hordofan.*+

      36 Waaqolii tolfamoo isaanii tajaajiluu isaanii itti fufan,+

      Waaqoliin kunis kiyyoo isaanitti taʼan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi