-
Baʼuu 32:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Museenis akkana jedhee Waaqa isaa Yihowaa kadhate:+ “Yaa Yihowaa, ati humna kee isa guddaa fi harka kee isa jabaadhaan biyya Gibxii keessaa saba kee erga baastee booda, aariin kee isaan irratti akka bobaʼu maaliif goota?+ 12 Warri Gibxii, ‘Inni asii kan isaan baase hammina isaan irratti yaadee ti. Gaarota irratti isaan ajjeesuu fi lafa irraa haxaaʼee isaan balleessuu barbaadee ti’ akka jedhan hoo maaliif goota?+ Aarii kee isa bobaʼaa irraa deebiʼi; murtoo saba kee irratti rakkina kana fiduuf gootes irra deebiʼii itti yaadi.*
-
-
Iyyaasuu 2:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Achiis akkana isaaniin jette: “Yihowaan biyyattii akka isiniif kennuu+ fi sabichi akka isin sodaate+ ani beeka. Jiraattonni biyyattii hundis isiniin kan kaʼe abdii kutataniiru;+ 10 sababiin isaas, yeroo isin biyya Gibxii keessaa baatanitti Yihowaan akkamitti bishaan Galaana Diimaa isin duratti akka gogse,+ akkasumas wanta isin mootota Amoorotaa lamaan Sihoonii+ fi Oog+ warra Yordaanos gamatti* guutummaatti balleessitan sana irratti gootan dhageenyeerra.
-
-
1 Saamuʼel 4:7, 8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Filisxeemonni, “Waaqayyo gara buufata sanaatti seeneera!” jedhanii sodaatan.+ Kanaafuu akkana jedhan: “Wanti akkanaa kanaan dura takkaa illee taʼee waan hin beekneef nuuf wayyoo! 8 Nuuf wayyoo! Harka Waaqa humna qabeessa taʼe kana jalaa eenyutu nu oolcha? Waaqni inni warra Gibxii lafa onaa keessatti dhaʼicha adda addaatiin rukute isa kana dha.+
-