LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 20:22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 “‘Biyyi akka keessa jiraattaniif ani itti isin galchu sun akka isin hin tufneef,+ dambiiwwan koo hundumaa fi heerawwan koo hundumaa eegaa;+ isaaniinis raawwadhaa.+

  • Keessa Deebii 28:63, 64
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 63 “Yihowaan akkuma yeroo tokko badhaadhota isin gochuu fi isin baayʼisuutti gammadee ture, Yihowaan isin balleessuu fi isin fixuuttis ni gammada; isinis biyya dhaaluuf jettan irraa ni buqqifamtu.

      64 “Yihowaan andaara lafaa isa tokko irraa hamma andaara lafaa isa kan biraatti saboota hundumaa gidduutti si bittinneessa;+ atis achitti waaqolii mukaa fi dhagaa irraa tolfaman warra atis taate abbootiin kee hin beekne waaqeffachuuf dirqamta.+

  • Iyyaasuu 23:15, 16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Taʼus, waadaawwan gaggaariin Waaqni keessan Yihowaan isiniif gale hundi akkuma isiniif raawwatamanitti,+ Yihowaan dhaʼichawwan akka fidu dubbate hundumaa* isin irratti fidee biyya Waaqni keessan Yihowaan isiniif kenne kana irraa haxaaʼee isin ni balleessa.+ 16 Kakuu Waaqa keessan Yihowaa isa inni akka eegdaniif isin ajaje yoo cabsitan, dhaqxaniis waaqolii kan biroo yoo tajaajiltanii fi isaaniif yoo sagaddan, dheekkamsi Yihowaa isin irratti ni bobaʼa;+ isinis yeruma sana biyya gaarii inni isiniif kenne irraa ni balleeffamtu.”+

  • 1 Mootota 9:6, 7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Haa taʼu malee, isinii fi ilmaan keessan ana duukaa buʼuu irraa yoo garagaltan, ajajawwan koo fi dambiiwwan koo warra ani isin dura kaaʼe eeguu yoo dhiistan, dhaqxaniis waaqolii kan biroo yoo tajaajiltanii fi yoo isaaniif sagaddan,+ 7 biyya ani isaaniif kenne irraa Israaʼeliin nan balleessa;+ mana ani maqaa kootiif qulqulleesse kanas ija koo duraa nan gata;+ Israaʼelis saba hundumaa gidduutti kan tuffatamtuu* fi kan itti qoosamu ni taati.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi