LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ermiyaas 23:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Bara isaatti Yihudaan ni oolti;+ Israaʼelis tasgabbiidhaan ni jiraatti.+ Maqaan inni ittiin waamamus, ‘Yihowaan Qajeelummaa Keenya Dha’ kan jedhu taʼa.”+

  • Hisqiʼel 28:25, 26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 “‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Yommuun mana Israaʼel saboota isaan gidduu isaaniitti bittinnaaʼan keessaa walitti qabutti,+ saboota duratti isaan gidduutti qulqulluu nan taʼa.+ Isaanis biyya isaanii isa ani tajaajilaa koo Yaaqoobiif kenne+ irra ni jiraatu.+ 26 Achi irras tasgabbiidhaan ni jiraatu;+ manneen ni ijaarratu, muka wayiniis ni dhaabbatu;+ yommuu ani warra isaanitti marsanii jiranii fi isaan tuffatan hundumaa irratti murtii dabarsutti+ isaan tasgabbiidhaan ni jiraatu; ani Waaqa isaanii Yihowaa taʼuu koos dhugumaan ni hubatu.”’”

  • Hisqiʼel 37:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 “Achiis akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Ani saboota isaan gara isaanii dhaqan sana gidduudhaa Israaʼelota nan baasa; kallattii hundumaa irraa walitti isaan qabees gara biyya isaaniitti isaan nan fida.+

  • Amoos 9:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Ani saba koo Israaʼel warra boojiʼaman deebisee walitti nan qaba,+

      Isaan magaalota ona taʼan deebisanii ni ijaaru, keessas ni jiraatu;+

      Mukeetii wayinii ni dhaabu, daadhii wayinii isaaniis ni dhugu,+

      Biqiltuu ni dhaabu, firii isaas ni nyaatu.’+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi