LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 28:45
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 45 “Ati ajajawwanii fi dambiiwwan isaa warra inni si ajaje eeguudhaan sagalee Waaqa kee Yihowaa dhagaʼuu waan diddeef, hamma haxaaʼamtee balleeffamtutti+ dhugumaan abaarsawwan kun hundi+ si irra ni gaʼu, hordofaniis si dhaqqabu.+

  • 2 Mootota 17:6, 7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Hosheʼaan mootii taʼee waggaa saglaffaa isaatti, mootiin Asoor Samaariyaa ni qabate.+ Achiis inni namoota Israaʼel boojiʼee+ gara Asooritti geessuudhaan Haalaa fi Haaboor isa laga Goozaan+ bira jiru keessa, akkasumas magaalota Meedon keessa qubachiise.+

      7 Kunis kan taʼe, sabni Israaʼel Waaqa isaanii Yihowaa isa biyya Gibxiitii, bittaa Faraʼoon mootii Gibxii jalaa isaan baase irratti cubbuu waan hojjetaniifi.+ Isaan waaqolii kan biroo waaqeffatan;*+

  • Hisqiʼel 23:4, 5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Maqaan ishii angafaa Oholaa,* kan obboleettii ishii immoo Oholibaa* ture. Isaan kan koo ni taʼan; ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas ni daʼan. Oholaan Samaariyaa+ dha, Oholibaan immoo Yerusaalemi.

      5 “Oholaan utuma kan koo taatee jirtuu sagaagalummaa raawwachuu jalqabde.+ Ishiin kajeellaa ishiitiin warra baayʼee ishii jaallatan,+ jechuunis Asoorota warra olloota ishii taʼan duukaa ni buute.+

  • Hoseʼaa 4:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Yaa saba Israaʼel, dubbii Yihowaa dhagaʼaa,

      Yihowaan jiraattota biyyattii wajjin falmii seeraa qaba;+

      Sababiin isaas, biyyattii keessa dhugaan yookiin jaalalli amanamaan yookiin beekumsi Waaqayyoo hin jiru.+

       2 Kakaan sobaa, sobnii+ fi ajjeechaan,+

      Hannii fi ejji+ babalʼateera,

      Namoonni yeroo hundumaa dhiiga warra kaanii ni dhangalaasu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi