LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 23:15, 16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Iddoo aarsaa isa Beetel keessa jiru, jechuunis iddoo ol kaʼaa isa Yeroboʼaam ilmi Nebaat hojjetee fi Israaʼelonni cubbuu akka hojjetan ittiin godhe sanas ni diige.+ Iddoo aarsaa fi iddoo ol kaʼaa sana erga diigee booda ni gube; caccabsee daaraa ni godhe; utubaa waaqeffannaa* sanas ni gube.+

      16 Yosiyaas awwaalota gaaricha irra jiran garagalee yommuu ilaalu, lafeewwan sun awwaalicha keessaa baafamanii iddoo aarsaa irratti akka gubaman gochuudhaan, akkuma dubbii Yihowaa isa namni Waaqa dhugaa wantoonni kun akka raawwataman dursee dubbate sanaatti iddoo aarsaa sana ni salphise.+

  • 2 Seenaa Baraa 31:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 Isaan wantoota kana hundumaa akkuma xumuraniin, Israaʼelonni achitti argaman hundi gara magaalota Yihudaatti baʼanii guutummaa Yihudaa fi Biiniyaam keessaa, akkasumas biyya Efreemii fi biyya Minaasee+ keessaa guutummaatti hamma balleessanitti siidaawwan waaqeffannaa ni caccabsan,+ utubaawwan waaqeffannaa* ni mummuran,+ akkasumas iddoowwan ol kaʼoo+ fi iddoowwan aarsaa ni diigan;+ achiis Israaʼelonni hundi gara magaalaa isaaniitti, tokkoon tokkoon isaaniis gara dhaala dhaala isaaniitti ni deebiʼan.

  • 2 Seenaa Baraa 34:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 34 Yosiyaas+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa saddeet ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 31f ni bulche.+

  • 2 Seenaa Baraa 34:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 iddoowwan aarsaa ni diige; utubaawwan waaqeffannaa* fi fakkiiwwan bocaman+ caccabsee ni bulleesse; kana malees, miʼawwan ixaana itti aarsan hundumaa warra guutummaa biyya Israaʼel keessatti argaman ni caccabse;+ sana boodas gara Yerusaalemitti deebiʼe.

  • Hoseʼaa 10:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  2 Garaan isaanii fakkeessituu* dha;

      Egaa isaan yakkamtoota ni taʼu.

      Iddoowwan aarsaa isaanii kan caccabsuu fi utubaawwan waaqeffannaa isaanii kan diigu tokko jira.

  • Miikiyaas 1:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Ani Samaariyaa tuullaa diiggaa dirree keessa jiru,

      Akkasumas iddoo muka wayinii dhaaban nan godha;

      Dhagoota ishii sululatti gad nan darbadha,*

      Buʼuurawwan ishiis qullaatti nan hambisa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi