LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 49:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Hamma Shiiloon* dhufutti,+ uleen mootii Yihudaa+ keessaa, uleen ajajaas miila isaa gidduudhaa hin baʼu; saboonnis isaaf ni ajajamu.+

  • 1 Seenaa Baraa 5:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Yihudaan+ obboloota isaa kan caaluu fi inni geggeessaa taʼu karaa isaa kan dhufe+ taʼus, mirgi angafummaa kan kenname Yoseefiif ture.

  • Isaayyaas 9:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Mucaan nuuf dhalateera,+

      Ilmi nuuf kennameera;

      Bulchiinsi* gateettii isaa irra ni taʼa.+

      Maqaan isaas, Gorsaa Dinqii,+ Waaqa Jabaa,+ Abbaa Bara Baraa, Bulchaa Nagaa jedhama.

  • Maatewos 2:4-6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Heroodis dura buutota lubootaa fi barsiisota seeraa* sabichaa hundumaa walitti qabee Kiristoos* eessatti akka dhalatu isaan gaafate. 5 Isaanis akkana isaan jedhan: “Beetaliheem+ ishii Yihudaatti dhalata; kun kan taʼus raajiin tokko waaʼee isaa akkana jedhee waan barreesseefi: 6 ‘Yaa Beetaliheem ishii biyya Yihudaa, bulchaan saba koo Israaʼeliin tiksu+ si keessaa waan baʼuuf, ati matumaa bulchitoota Yihudaa gidduutti magaalaa hundumaa caalaa tuffatamtu hin taatu.’”

  • Luqaas 1:32, 33
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 32 Inni guddaa ni taʼa;+ Ilma Isa Hundaa Olii ni jedhama;+ Yihowaanis* teessoo abbaa isaa Daawit isaaf ni kenna;+ 33 inni mana Yaaqoob irratti bara baraaf Mootii taʼee ni bulcha; Mootummaan isaas dhuma hin qabaatu.”+

  • Luqaas 2:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Harʼa magaalaa Daawit+ keessatti fayyisaan isiniif dhalateera;+ innis Kiristoos Goofticha+ dha.

  • Yohaannis 7:42
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 42 Kitaabonni Qulqulluun Kiristoos sanyii Daawit+ keessaa, akkasumas Beetaliheem+ ganda Daawitii+ akka dhufu dubbatu mitii?”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi