LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maarqos 14:60-65
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 60 Achiis lubni ol aanaan gidduu isaanii dhaabbatee, “Deebii tokko illee hin kennituu? Wanta namoonni kun si irratti ragaa baʼan ilaalchisee maal jetta?” jedhee Yesuusiin gaafate.+ 61 Inni garuu calluma jedhe malee, deebii tokko illee hin kennine.+ Ammas lubni ol aanaan sun, “Ati Kiristoos Ilma Isa Eebbifamaa sanaa tii?” jedhee isa gaafachuu jalqabe. 62 Yesuusis, “Eeyyee; Ilmi namaa+ mirga isa humna qabeessa sanaa taaʼee,+ duumessa samii wajjin yommuu dhufu ni argitu”+ jedhe. 63 Yeroo kanatti lubni ol aanaan sun uffata isaa tarsaasee akkana jedhe: “Kana caalaa ragaa baatota dabalataa maaliitu nu barbaachisa?+ 64 Waaqayyoon arrabsuu isaa dhageessaniittu. Maarree murtoon keessan maali dha?”* Hundi isaaniis duʼuu akka qabu itti murteessan.+ 65 Isaan keessaa tokko tokko itti tufuu jalqaban;+ fuula isaa haguuganii abootteedhaan isa rukutaa, “Raajii dubbadhu!” isaan jedhan. Waardiyyoonni mana murtichaas kakkabalaa isa fuudhanii deeman.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi