-
Maatewos 20:26-28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
26 Isin gidduutti garuu akkana taʼuu hin qabu;+ kanaa mannaa, isin gidduutti guddaa taʼuu kan barbaadu kam iyyuu tajaajilaa keessan haa taʼu;+ 27 namni isin gidduutti dura taʼuu barbaadu kam iyyuu garbicha keessan haa taʼu.+ 28 Akkuma kana Ilmi namaas kan dhufe warra kaan tajaajiluu+ fi lubbuu isaa bakka namoota hedduu furii* godhee kennuufi+ malee, akka isa tajaajilaniif miti.”
-
-
Maarqos 10:43-45Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
43 Isin gidduutti garuu akkana taʼuu hin qabu; kanaa mannaa, isin gidduutti guddaa taʼuu kan barbaadu kam iyyuu tajaajilaa keessan haa taʼu;+ 44 namni isin gidduutti dura taʼuu barbaadu kam iyyuu garbicha hunda keessanii haa taʼu. 45 Sababiin isaas, Ilmi namaa iyyuu kan dhufe warra kaan tajaajiluu+ fi lubbuu isaa bakka namoota hedduu furii* godhee kennuufi+ malee, akka isa tajaajilaniif miti.”
-
-
Filiphisiyus 2:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Kana malees, yeroo nama taʼee dhufe,* gad of qabuudhaan hamma duʼutti, jechuunis hamma muka dhiphinaa* irratti fannifamee duʼutti+ ajajamaa taʼe.+ 9 Kanaan kan kaʼes, Waaqayyo iddoo hunda caalu isaaf kennuudhaan ol isa godhe;+ akkasumas maqaa maqaa kan biraa kam irra iyyuu caalu gaarummaadhaan isaaf kenne;+
-