LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 103:10-12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Inni akka cubbuu keenyaatti nu irratti hin raawwanne,+

      Akka balleessaa keenyaattis nuuf hin deebisne.+

      11 Sababiin isaas, hammuma samiin lafa irraa ol fagaatu,

      Jaalalli isaa inni amanamaan namoota isa sodaatanitti argisiisu guddaa dha.+

      12 Akkuma bahi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu,

      Balleessaa keenya nu irraa fageesseera.+

  • Maatewos 6:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 akkuma nuti warra balleessaa nu irratti raawwataniif* dhiisne,+ balleessaa* keenya nuu dhiisi.

  • Maatewos 6:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 “Namoota cubbuu isin irratti hojjetaniif dhiifama yoo gootan, Abbaan keessan inni samiis dhiifama isiniif godha;+

  • Efesoon 4:32
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 32 Kanaa mannaa gaarummaa walitti argisiisaa, akkasumas garaa waliif laafaa;+ akkuma Waaqayyo karaa Kiristoos tola isiniif dhiise, isinis tola waliif dhiisaa.+

  • Qolosaayis 3:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Namni tokko sababii nama kan biraa itti komatu yoo qabaate illee,+ wal dandaʼuu fi tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa.+ Akkuma Yihowaan* tola isiniif dhiise, isinis tola waliif dhiisaa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi