-
Maatewos 12:46-50Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
46 Utuma inni namoota hedduu sanatti dubbachaa jiruu, haati isaa fi obboloonni isaa+ isa haasofsiisuu barbaadanii ala dhaabbatu turan.+ 47 Kanaafuu, namni tokko, “Kunoo, haati tee fi obboloonni kee si haasofsiisuu barbaadanii ala dhaabbatanii jiru” isaan jedhe. 48 Yesuus deebisee namicha isatti hime sanaan, “Haati tiyya eenyu? Obboloonni koo hoo eenyu faʼi?” jedhe. 49 Achiis harka isaa gara barattoota isaatti diriirsee akkana jedhe: “Kunoo, haati tiyyaa fi obboloonni koo warra kana!+ 50 Namni fedhii Abbaa koo isa samii raawwatu hundi, obboleessa, obboleettii fi haadha koo ti.”+
-
-
Luqaas 8:19-21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Yeroo kanatti haati isaa fi obboloonni isaa+ gara isaa dhufan; haa taʼu malee, namoota hedduu sanaan kan kaʼe isatti dhihaachuu hin dandeenye.+ 20 Kanaafuu, “Haati tee fi obboloonni kee si argachuu barbaadanii ala dhaabbatanii jiru” jedhamee itti himame. 21 Innis deebisee, “Haati tiyyaa fi obboloonni koo warra dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii hojii irra oolchan kana dha”+ isaaniin jedhe.
-