-
Maatewos 13:18-23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 “Mee hiika fakkeenya namicha sanyii facaase+ sanaa dhagaʼaa. 19 Namni tokko dubbii Mootummichaa dhagaʼee ergaa isaa hin hubatu yoo taʼe, inni hamaan+ sun dhufee wanta garaa namichaa keessatti facaafame sana butata; sanyiin karaa qarqaratti facaafame sun isa kana.+ 20 Inni lafa dhagaa irratti facaafame immoo, isa dubbicha dhagaʼee yeruma sana gammachuudhaan fudhatu dha.+ 21 Taʼus, dubbichi isa keessatti hidda waan hin godhanneef yeroo muraasaaf qofa tura; sababii dubbichaatiin yommuu rakkinni yookiin ariʼatamni isa irra gaʼu yeruma sana ni gufata. 22 Inni qoree gidduutti facaafames isa dubbicha dhagaʼu dha; haa taʼu malee, yaaddoon sirna* kanaa+ fi humni qabeenyi gowwoomsuuf qabu dubbicha ni hudha; innis firii kan hin godhanne taʼa.+ 23 Inni biyyoo gaarii irratti facaafame immoo isa dubbicha dhagaʼee ergaa isaa hubatu dha; inni dhugumaan firii ni godhata, inni tokko dachaa 100, inni tokko dachaa 60, inni tokko immoo dachaa 30 godhata.”+
-
-
Maarqos 4:14-20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 “Namichi facaasu sun dubbicha+ facaasa. 15 Sanyiiwwan karaa qarqara buʼan namoota dubbichi isaan keessatti facaafamee wajjin wal fakkaatu; taʼus akkuma dubbicha dhagaʼaniin Seexanni dhufee+ dubbii isaan keessatti facaafame sana fudhata.+ 16 Sanyiiwwan lafa dhagaa irratti facaafaman immoo warra akkuma dubbicha dhagaʼaniin gammachuudhaan fudhatani dha.+ 17 Haa taʼu malee, dubbichi isaan keessatti hidda waan hin godhanneef, isaan yeroo muraasaaf qofa turu; sana booda sababii dubbichaatiin rakkinni yookiin ariʼatamni yommuu isaan irra gaʼu yeruma sana ni gufatu. 18 Warri kaan immoo qoree gidduutti facaafaman. Isaanis namoota dubbicha dhagaʼan argisiisu;+ 19 haa taʼu malee, yaaddoon+ sirna* kanaa fi humni qabeenyi gowwoomsuuf qabu,+ akkasumas hawwiin+ wantoota kaanii garaa isaanii seenee dubbicha ni hudha; innis firii kan hin godhanne taʼa. 20 Dhuma irrattis, warri biyyoo gaarii irratti facaafaman warra dubbicha dhagaʼanii gammachuudhaan fudhatanii firii godhatani dha; isaan dachaa 30, dachaa 60 fi dachaa 100 godhatu.”+
-