-
Leewwota 7:26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
26 “‘Iddoowwan jireenyaa keessan keessaa isa kamitti iyyuu dhiiga simbirrootaas taʼe dhiiga horii kamii iyyuu hin nyaatinaa.+
-
-
1 Saamuʼel 14:32, 33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
32 Kanaafuu, namoonni sun wanta boojiʼan sana sassataan ni fudhatan; achiis hoolota, loonii fi jabbilee lafa irratti qalanii, foon isaanii dhiiga isaa wajjin nyaatan.+ 33 Kanaan kan kaʼes, “Kunoo, namoonni kun foon dhiiga isaa wajjin nyaachuudhaan Yihowaa irratti cubbuu hojjechaa jiru”+ jedhamee Saaʼolitti himame. Yeroo kanatti inni, “Isin hojii amantii akka hin qabne argisiisu hojjettaniittu. Dafaatii dhagaa guddaa tokko gangalchaa naa fidaa” isaaniin jedhe.
-