-
Uumama 24:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Abrahaamis tajaajilaa isaa isa warra mana isaa keessa jiran hundumaa umuriidhaan caaluu fi wanta inni qabu hunda toʼatuun+ akkana jedhe: “Maaloo, harka kee gudeeda koo jala kaaʼi; 3 shamarran Kanaʼaanotaa ani gidduu isaanii jiraadhu kana keessaa ilma koo akka hin fuusisne maqaa Yihowaa isa Waaqa samii fi Waaqa lafaa taʼeen sin kaksiisa.+
-
-
Keessa Deebii 7:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Gaaʼelaan isaanitti hin firoomin. Ijoollee durbaa kee ijoollee dhiiraa isaaniitiif hin kennin yookiin ijoollee durbaa isaanii ijoollee dhiiraa keetiif hin fudhatin.+ 4 Sababiin isaas, isaan ilmaan kee ana duukaa buʼuu irraa goranii waaqolii kan biroo akka tajaajilan ni godhu;+ achiis dheekkamsi Yihowaa si irratti bobaʼa; innis hatattamaan haxaaʼee si balleessa.+
-
-
Nahimiyaa 13:25, 26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Kanaafuu, isaanitti nan dheekkame; isaan nan abaare; isaan keessaa tokko tokko nan rukute;+ rifeensa isaaniis nan cire; achiis akkana jedheen maqaa Waaqayyootiin isaan kakachiise: “Ijoollee durbaa keessan ijoollee dhiiraa isaaniitiif hin kenninaa; ijoollee durbaa isaanii keessaa tokko illees ijoollee dhiiraa keessaniif yookiin ofii keessaniif hin fudhatinaa.+ 26 Solomoon mootiin Israaʼel cubbuu kan hojjete sababii dubartoota kanaatiin hin turree? Saboota hedduu keessaa mootiin akka isaa hin turre;+ inni Waaqa isaa duratti jaallatamaa waan tureef,+ Waaqayyo guutummaa Israaʼel irratti mootii isa godhe. Haa taʼu malee, haadhotiin manaa isaa warri biyya ormaa inni illee cubbuu akka hojjetu godhaniiru.+
-