17 Cubbuu nama tokkootiin kan kaʼe duuti karaa nama sanaa erga mootii taʼee,+ namoonni gaarummaa guddaa fi kennaa tolaa qajeelummaa baayʼinaan argatan+ karaa nama tokkoo, jechuunis karaa Yesuus Kiristoos jireenya argatanii+ mootota taʼanii akka bulchan+ caalaatti mirkanaaʼaa dha.