-
Keessa Deebii 24:14, 15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 “Obboloota kee keessaa tokkos taʼe nama biyya ormaa biyya keetti magaalota* kee keessa jiraatu, nama rakkataa fi hiyyeessa mindeeffamee hojjetu hin gowwoomsin.+ 15 Inni rakkataa waan taʼeef, akkasumas jireenyi* isaa mindaa isaa irratti kan hundaaʼe waan taʼeef, mindaa isaa guyyuma sanatti utuu aduun hin lixin isaaf kenni.+ Taʼuu baannaan inni sitti mufatee gara Yihowaatti ni iyyata; atis cubbuudhaan itti gaafatamta.+
-
-
Ermiyaas 22:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Nama qajeelummaa dabsuudhaan mana ijaarratuuf,
Haqa jalʼisuudhaanis kutaawwan fooqii irraa ijaarratuuf,
Nama tolaan nama kan biraa hojjechiifatuuf,
Isa mindaa isaa kaffaluu diduufis, wayyoo!+
-
-
Miilkiyaas 3:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 “Ani murtiidhaaf gara keessan nan dhufa; falfaltoota,+ ejjitoota, namoota sobaan kakatan,+ namoota warra mindeessanii hojjechiisan,+ dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi mucaa abbaa hin qabne* gowwoomsan,+ akkasumas warra namoota biyya ormaa gargaaruu didan*+ irratti dafee ragaa nan baʼa. Isaan kun na hin sodaanne” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.
-