LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 19:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Nama hin gowwoomsin,+ akkasumas hin saamin.+ Mindaa nama mindeeffamee hojjetu tokkoo hamma ganamaatti of bira hin bulchin.+

  • Keessa Deebii 24:14, 15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 “Obboloota kee keessaa tokkos taʼe nama biyya ormaa biyya keetti magaalota* kee keessa jiraatu, nama rakkataa fi hiyyeessa mindeeffamee hojjetu hin gowwoomsin.+ 15 Inni rakkataa waan taʼeef, akkasumas jireenyi* isaa mindaa isaa irratti kan hundaaʼe waan taʼeef, mindaa isaa guyyuma sanatti utuu aduun hin lixin isaaf kenni.+ Taʼuu baannaan inni sitti mufatee gara Yihowaatti ni iyyata; atis cubbuudhaan itti gaafatamta.+

  • Ermiyaas 22:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Nama qajeelummaa dabsuudhaan mana ijaarratuuf,

      Haqa jalʼisuudhaanis kutaawwan fooqii irraa ijaarratuuf,

      Nama tolaan nama kan biraa hojjechiifatuuf,

      Isa mindaa isaa kaffaluu diduufis, wayyoo!+

  • Miilkiyaas 3:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 “Ani murtiidhaaf gara keessan nan dhufa; falfaltoota,+ ejjitoota, namoota sobaan kakatan,+ namoota warra mindeessanii hojjechiisan,+ dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi mucaa abbaa hin qabne* gowwoomsan,+ akkasumas warra namoota biyya ormaa gargaaruu didan*+ irratti dafee ragaa nan baʼa. Isaan kun na hin sodaanne” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi