LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 6
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Isaayyaas

      • Yihowaan mana qulqullummaa isaa keessatti mulʼataan ilaalame (1-4)

        • “Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha Yihowaan” (3)

      • Hidhiin Isaayyaas ni qulqulleeffame (5-7)

      • Isaayyaas ni ergame (8-10)

        • “Kunoo ani jira! Ana ergi!” (8)

      • “Yaa Yihowaa, hamma yoomiitti?” (11-13)

Isaayyaas 6:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 26:23
  • +1Mo 22:19; Dan 7:9

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 83

    Yihowaatti Dhihaadhu, ful. 30

    Masaraa Eegumsaa,

    1/1/2012, ful. 12

Isaayyaas 6:2

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, goflaawwan.

  • *

    Kal., “Innis.”

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    1/1/2012, ful. 12

Isaayyaas 6:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 15:11; Mul 4:8

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    1/1/2012, ful. 12

Isaayyaas 6:4

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “sagalee isa waamaa jiru sanaatiin.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mul 15:8

Isaayyaas 6:5

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Nan callisiifame.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 29:13

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yihowaatti Dhihaadhu, ful. 37-38

Isaayyaas 6:6

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “mukukkulli.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +His 10:2
  • +Mul 8:5

Isaayyaas 6:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 1:26; Yoh 1:1, 2; 12:41
  • +Fr 110:3; Mat 4:19, 20

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    10/15/2012, ful. 30

Isaayyaas 6:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 5:21; Mat 13:14, 15; Luq 8:9, 10; HoE 28:25-27

Isaayyaas 6:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +His 3:7
  • +Er 6:10; Yoh 3:20

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 242

Isaayyaas 6:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 36:20, 21; Isa 3:26; 24:1

Isaayyaas 6:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 25:11

Yaada Wal Simu

Isa. 6:12Se 26:23
Isa. 6:11Mo 22:19; Dan 7:9
Isa. 6:3Bau 15:11; Mul 4:8
Isa. 6:4Mul 15:8
Isa. 6:5Isa 29:13
Isa. 6:6His 10:2
Isa. 6:6Mul 8:5
Isa. 6:8Uma 1:26; Yoh 1:1, 2; 12:41
Isa. 6:8Fr 110:3; Mat 4:19, 20
Isa. 6:9Er 5:21; Mat 13:14, 15; Luq 8:9, 10; HoE 28:25-27
Isa. 6:10His 3:7
Isa. 6:10Er 6:10; Yoh 3:20
Isa. 6:112Se 36:20, 21; Isa 3:26; 24:1
Isa. 6:122Mo 25:11
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Isaayyaas 6:1-13

Isaayyaas

6 Bara Ooziyaan Mootichi duʼetti,+ Yihowaan teessoo dheeraa fi ol kaʼaa taʼe irra taaʼee nan arge;+ fiixeen uffata isaatiis mana qulqullummaa guutee ture. 2 Suraafelonni isa gararraa dhaabbatanii turan; tokkoon tokkoon isaaniis qoochoowwan* jaʼa jaʼa qabu turan. Tokkoon tokkoon isaanii* qoochoowwan lamaan fuula isaanii, akkasumas qoochoowwan lamaan miila isaanii haguuganii turan; qoochoowwan lama lamaan immoo ni barrisu turan.

 3 Isaaniis sagalee isaanii ol kaasanii,

“Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.+

Guutummaan lafaas ulfina isaatiin guutamteetti” waliin jedhu turan.

4 Wiirtuuwwan gubanii balbalaas sagalee iyyuun* ni sochoʼan; manichis aaraan guutamee ture.+

 5 Anis, “Anaaf wayyoo!

Nama hidhiin isaa xuraaʼe waanan taʼeef,

Uummata hidhiin isaa xuraaʼe+ gidduu waanan jiraadhuuf,

Ijji koos Mooticha, Yihowaa Gooftaa Raayyaa waan argeef,

Duʼuun koo hin oolun!”* jedhe.

6 Yeroo kanatti suraafelota keessaa tokko barrisee gara koo dhufe; barbadaan*+ inni iddoo aarsaa irraa qabduudhaan fudhates harka isaa irra jira ture.+ 7 Innis afaan koo tuqee,

“Kunoo, kun hidhii kee tuqeera.

Yakki kee si irraa balleeffameera,

Cubbuun kees siif dhiifameera” naan jedhe.

8 Achiis sagaleen Yihowaa, “Eenyuunan ergadha? Eenyutu nuuf dhaqa?”+ yeroo jedhu nan dhagaʼe. Anis, “Kunoo ani jira! Ana ergi!” nan jedhe.+

 9 Innis akkana jedhee naaf deebise: “Dhaqiitii saba kanaan akkana jedhi:

‘Isin irra deddeebitanii ni dhageessu,

Garuu hin hubattan;

Irra deddeebitanii ni argitu,

Garuu beekumsa tokko illee hin argattan.’+

10 Isaan ija isaaniitiin akka hin argineef,

Gurra isaaniitiinis akka hin dhageenyeef,

Garaan isaanii akka hin hubanneef,+

Isaanis gara kootti akka hin deebinee fi akka hin fayyineef,

Garaan saba kanaa didaa akka taʼu,

Gurri isaaniis duudaa akka taʼu godhi;+

Ija isaaniis walitti fayyisi.”

11 Yeroo kanatti ani, “Yaa Yihowaa, hamma yoomiitti?” nan jedhe. Innis akkana naan jedhe:

“Hamma magaalonni diigamanii namni keessa jiraatu dhabamutti,

Hamma manneen namoota malee hafanitti,

Hamma biyyattiin diigamtee ontutti;+

12 Hamma Yihowaan namoota iddoo fagootti geessutti,+

Akkasumas, hamma biyyattiin garri caalaan ishii ontutti.

13 “Haa taʼu malee, harka kudhan keessaa harki tokko ishii keessatti ni hafa; inni ammas ni gubama; akkuma muka guddaa fi akkuma muka qilxuu warra erga muramanii booda gufuu isaanii hambisaniis ni taʼa; gufuun ishii keessatti hafes sanyii qulqulluu ni taʼa.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi