LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Abbootii Murtii 10
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Abbootii Murtii

      • Abbootii murtii kan taʼan Tolaa fi Yaaʼir (1-5)

      • Israaʼel ni fincile, achiis cubbuu isaa irraa deebiʼe (6-16)

      • Amoononni Israaʼeliin doorsisan (17, 18)

Abbootii Murtii 10:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 2:16

Abbootii Murtii 10:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 3:14

Abbootii Murtii 10:6

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Sooriyaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 2:19; 4:1; 6:1; Nah 9:28
  • +Abo 3:7; Fr 106:36-38
  • +Lak 25:1, 2
  • +1Mo 11:5; 2Mo 23:13
  • +Abo 16:23; 1Sa 5:4; 2Mo 1:2

Abbootii Murtii 10:7

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “isaan gurgure.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 28:15, 48; 31:17; Abo 2:14; 4:2

Abbootii Murtii 10:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 2:13; 3:7; 1Sa 12:9, 10
  • +Kes 4:30

Abbootii Murtii 10:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 14:30
  • +Lak 21:23-25
  • +Abo 3:31

Abbootii Murtii 10:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 2:12
  • +2Se 15:2; Mik 3:4

Abbootii Murtii 10:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 18:27
  • +Er 2:28

Abbootii Murtii 10:16

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “dhiphina Israaʼeliin kan kaʼe lubbuun isaa obsuu hin dandeenye.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 7:26
  • +2Se 7:14; 33:13, 15; Fr 106:44; Isa 63:9

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yihowaatti Dhihaadhu, ful. 305

Abbootii Murtii 10:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 19:36, 38; Abo 3:13

Abbootii Murtii 10:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 11:1

Yaada Wal Simu

Abo. 10:1Abo 2:16
Abo. 10:4Kes 3:14
Abo. 10:6Abo 2:19; 4:1; 6:1; Nah 9:28
Abo. 10:6Abo 3:7; Fr 106:36-38
Abo. 10:6Lak 25:1, 2
Abo. 10:61Mo 11:5; 2Mo 23:13
Abo. 10:6Abo 16:23; 1Sa 5:4; 2Mo 1:2
Abo. 10:7Kes 28:15, 48; 31:17; Abo 2:14; 4:2
Abo. 10:10Abo 2:13; 3:7; 1Sa 12:9, 10
Abo. 10:10Kes 4:30
Abo. 10:11Bau 14:30
Abo. 10:11Lak 21:23-25
Abo. 10:11Abo 3:31
Abo. 10:13Abo 2:12
Abo. 10:132Se 15:2; Mik 3:4
Abo. 10:141Mo 18:27
Abo. 10:14Er 2:28
Abo. 10:16Kes 7:26
Abo. 10:162Se 7:14; 33:13, 15; Fr 106:44; Isa 63:9
Abo. 10:17Uma 19:36, 38; Abo 3:13
Abo. 10:18Abo 11:1
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Abbootii Murtii 10:1-18

Abbootii Murtii

10 Abimelek booda Tolaan ilmi Puwaa, ilmi Doodoo inni nama Yisaakor taʼe Israaʼeliin oolchuuf ni kaʼe.+ Inni Shaamiir ishii naannoo gaarotaa Efreem keessatti argamtu keessa jiraata ture. 2 Inni waggaa 23f Israaʼel irratti abbaa murtii taʼee tajaajile. Achiis ni duʼe; Shaamiir keessattis ni awwaalame.

3 Isa booda Yaaʼir Giiliyaadichi kaʼee waggaa 22f Israaʼel irratti abbaa murtii taʼee tajaajile. 4 Inni ilmaan harree 30 irra taaʼanii deeman 30 qaba ture; isaan magaalota 30 qabu turan; magaalonni kunis hamma harʼaatti Hawoot Yaaʼir+ jedhamanii kan waamaman yeroo taʼu, biyya Giiliyaad keessatti argamu. 5 Sana booda Yaaʼir ni duʼe; Qaamon keessattis ni awwaalame.

6 Israaʼelonni ammas wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwatan;+ akkasumas Baʼaaliin,+ siidaawwan Ashtooret, waaqolii Aaraam,* waaqolii Siidoon, waaqolii Moʼaab,+ waaqolii Amoonotaa+ fi waaqolii Filisxeemotaa+ tajaajiluu jalqaban. Yihowaa ni dhiisan; isas hin tajaajille. 7 Yeroo kanatti dheekkamsi Yihowaa Israaʼel irratti ni bobaʼe; harka Filisxeemotaattii fi harka Amoonotaattis dabarsee isaan kenne.*+ 8 Kanaafuu, isaan waggaa sana keessatti Israaʼelota ni miidhan; akka malees isaan cunqursan; Israaʼelota Yordaanos irraa kallattii bahaatiin biyya Giiliyaad isa kan Amoorotaa ture keessa jiran hundumaa waggaa 18f ni cunqursan. 9 Akkasumas Amoononni Yihudaa, Biiniyaamii fi mana Efreem waraanuuf Yordaanosiin ni ceʼu turan; Israaʼelonnis akka malee dhiphatanii turan. 10 Yeroo kanatti Israaʼelonni, “Nuti Waaqa keenya dhiisnee Baʼaaliin tajaajiluudhaan, si irratti cubbuu raawwanneerra”+ jedhanii gargaarsaaf gara Yihowaatti iyyatan.+

11 Yihowaan garuu Israaʼelotaan akkana jedhe: “Ani warri Gibxii,+ Amooronni,+ Amoononni, Filisxeemonni,+ 12 Siidoononni, Amaaleqonnii fi Miidiyaanonni yommuu isin cunqursan harka isaanii jalaa isin hin oolchinee? Yommuu isin gara kootti iyyattan ani harka isaanii jalaa isin oolcheera. 13 Isin garuu na dhiistanii waaqolii kan biroo tajaajiltan.+ Ani kana booda kanan isin hin oolchine kanaafi.+ 14 Gara waaqolii filattan sanaa dhaqaatii gargaarsaaf isaanitti iyyadhaa.+ Yeroo dhiphina keessaniitti isaan isin haa oolchan.”+ 15 Israaʼelonni garuu Yihowaadhaan, “Nuti cubbuu raawwanneerra. Wanta gaarii taʼee sitti mulʼate kam iyyuu nu irratti raawwadhu. Maaloo, harʼuma qofa nu oolchi” jedhan. 16 Akkasumas isaan waaqolii ormaa of gidduudhaa balleessanii Yihowaa tajaajilan;+ kanaafuu, inni sana booda dhiphina Israaʼel+ callisee bira darbuu hin dandeenye.*

17 Yeroo booda Amoononni+ walitti qabamanii Giiliyaad keessa buufatan. Kanaafuu, Israaʼelonnis walitti qabamanii Misphaa keessa buufatan. 18 Sabichii fi bulchitoonni Giiliyaad, “Amoonota waraanuuf nu dura buʼee kan deemu eenyu?+ Inni jiraattota Giiliyaad hundumaa irratti ajajaa haa taʼu” waliin jedhan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi