LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Yohaannis 4
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee 1 Yohaannis

      • Dubbii geggeessaa hafuuraatiin dubbatame qoruu (1-6)

      • Waaqa beekuu fi jaallachuu (7-21)

        • “Waaqayyo jaalala” (8, 16)

        • Jaalala keessa sodaan hin jiru (18)

1 Yohaannis 4:1

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “hafuura hunda.”

  • *

    Kal., “hafuurichi.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Ta 2:1, 2; 1Xi 4:1
  • +Mul 22:6
  • +2Ph 2:1

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    4/15/2008, ful. 6-7

1 Yohaannis 4:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 1:14; 1Qo 12:3; Mul 19:10

1 Yohaannis 4:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Yo 2:22
  • +2Ta 2:7; 1Yo 2:18
  • +HoE 20:29, 30

1 Yohaannis 4:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 17:21
  • +Efe 2:2
  • +1Yo 5:4

1 Yohaannis 4:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Yo 5:19
  • +Yoh 15:19

1 Yohaannis 4:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 10:27
  • +Yoh 8:47
  • +1Yo 4:1

1 Yohaannis 4:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Ph 1:22
  • +1Yo 4:16

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    10/1/2006, ful. 21-22

1 Yohaannis 4:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 34:6; Mik 7:18; 1Yo 4:19

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yihowaatti Dhihaadhu, ful. 15-16, 283-285

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 7

    Dammaqaa!,

    Lakk. 1 2021, ful. 14

    Masaraa Eegumsaa (Sabaa),

    Lakk. 1 2019, ful. 9

    Masaraa Eegumsaa,

    11/15/2015, ful. 16

    Waaqayyoon Waaqeffadhu, ful. 16-17

1 Yohaannis 4:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 3:16; Rom 5:8; 8:32; 1Yo 5:11
  • +Yoh 1:14

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 28

    Masaraa Eegumsaa (Sabaa),

    Lakk. 2 2017, ful. 4

1 Yohaannis 4:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Qo 5:7
  • +Rom 3:25; Ibr 2:17; 9:26; 1Yo 2:1, 2

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 28

    Masaraa Eegumsaa,

    12/15/2008, ful. 27

1 Yohaannis 4:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 18:33; Yoh 15:12; Rom 13:8; 1Yo 3:16

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 28

    Dammaqinaan Eegaa!, ful. 29

1 Yohaannis 4:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 33:20; Yoh 1:18; 4:24; 6:46
  • +1Yo 2:5

1 Yohaannis 4:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 1:21; Yoh 3:17; 12:47; HoE 5:31

1 Yohaannis 4:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Rom 10:9
  • +1Yo 2:23, 24

1 Yohaannis 4:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 3:16
  • +1Yo 4:8
  • +Yoh 17:21

1 Yohaannis 4:17

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “amanannaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Ibr 4:16; 1Yo 2:28

1 Yohaannis 4:18

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “ariʼa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Rom 8:15
  • +1Yo 2:5

1 Yohaannis 4:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Yo 4:10

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yihowaatti Dhihaadhu, ful. 285-287

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 46

    Jaalala Waaqayyoo, ful. 5

    Masaraa Eegumsaa,

    9/15/2015, ful. 23

    “Jaalala Waaqayyoo,” ful. 5

1 Yohaannis 4:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Yo 2:4
  • +1Yo 3:17
  • +1Yo 4:12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    9/1/2007, ful. 31

    12/1/2006, ful. 29

1 Yohaannis 4:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 22:37, 39; Yoh 13:34; 15:12

Yaada Wal Simu

1Yoh. 4:12Ta 2:1, 2; 1Xi 4:1
1Yoh. 4:1Mul 22:6
1Yoh. 4:12Ph 2:1
1Yoh. 4:2Yoh 1:14; 1Qo 12:3; Mul 19:10
1Yoh. 4:31Yo 2:22
1Yoh. 4:32Ta 2:7; 1Yo 2:18
1Yoh. 4:3HoE 20:29, 30
1Yoh. 4:4Yoh 17:21
1Yoh. 4:4Efe 2:2
1Yoh. 4:41Yo 5:4
1Yoh. 4:51Yo 5:19
1Yoh. 4:5Yoh 15:19
1Yoh. 4:6Yoh 10:27
1Yoh. 4:6Yoh 8:47
1Yoh. 4:61Yo 4:1
1Yoh. 4:71Ph 1:22
1Yoh. 4:71Yo 4:16
1Yoh. 4:8Bau 34:6; Mik 7:18; 1Yo 4:19
1Yoh. 4:9Yoh 3:16; Rom 5:8; 8:32; 1Yo 5:11
1Yoh. 4:9Yoh 1:14
1Yoh. 4:101Qo 5:7
1Yoh. 4:10Rom 3:25; Ibr 2:17; 9:26; 1Yo 2:1, 2
1Yoh. 4:11Mat 18:33; Yoh 15:12; Rom 13:8; 1Yo 3:16
1Yoh. 4:12Bau 33:20; Yoh 1:18; 4:24; 6:46
1Yoh. 4:121Yo 2:5
1Yoh. 4:14Mat 1:21; Yoh 3:17; 12:47; HoE 5:31
1Yoh. 4:15Rom 10:9
1Yoh. 4:151Yo 2:23, 24
1Yoh. 4:16Yoh 3:16
1Yoh. 4:161Yo 4:8
1Yoh. 4:16Yoh 17:21
1Yoh. 4:17Ibr 4:16; 1Yo 2:28
1Yoh. 4:18Rom 8:15
1Yoh. 4:181Yo 2:5
1Yoh. 4:191Yo 4:10
1Yoh. 4:201Yo 2:4
1Yoh. 4:201Yo 3:17
1Yoh. 4:201Yo 4:12
1Yoh. 4:21Mat 22:37, 39; Yoh 13:34; 15:12
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
1 Yohaannis 4:1-21

Yohaannis Tokkoffaa

4 Obboloota jaallatamo, dubbii geggeessaa hafuuraatiin dubbatame+ hunda* hin amaninaa; kanaa mannaa, dubbiin geggeessaa hafuuraatiin dubbatame* Waaqayyo biraa kan dhufe+ taʼuu isaa beekuuf qoraa; sababiin isaas, raajonni sobaa hedduun gara addunyaatti baʼaniiru.+

2 Dubbiin geggeessaa hafuuraatiin dubbatame Waaqayyo biraa kan dhufe taʼuu isaa kanaan beektu: Dubbiin geggeessaa hafuuraatiin dubbatamee fi Yesuus Kiristoos fooniin akka dhufe ibsu hundi Waaqayyo biraa kan dhufe dha.+ 3 Dubbiin geggeessaa hafuuraatiin dubbatamee fi Yesuusiif beekamtii hin kennine hundi garuu Waaqayyo biraa kan dhufe miti.+ Kana malees, kun isa akka dhufu dhageessanii+ fi mormituun Kiristoos sun geggeessaa hafuuraatiin dubbate dha; inni ammuma iyyuu addunyaa keessa jira.+

4 Yaa ijoolle, isin kan Waaqayyoo ti; inni isinii wajjin tokkummaa qabu+ isa addunyaa wajjin tokkummaa qabu+ sana waan caaluuf, isin isaan mootaniittu.+ 5 Isaan kan addunyaa ti;+ wanta addunyaa irraa madde kan dubbatanii fi addunyaan kan isaan dhaggeeffatu kanaafi.+ 6 Nuti kan Waaqayyoo ti. Namni Waaqayyoon beeku kam iyyuu nu dhaggeeffata;+ namni kan Waaqayyoo hin taane hundi nu hin dhaggeeffatu.+ Dubbii dhugaa geggeessaa hafuuraatiin dubbatame, dubbii sobaa geggeessaa hafuuraatiin dubbatame+ irraa kanaan gargar baasna.

7 Obboloota jaallatamo, wal jaallachuu keenya itti haa fufnu;+ sababiin isaas, jaalalli Waaqayyo irraa madda; namni jaalala qabu hundi Waaqayyo irraa kan dhalate yeroo taʼu, Waaqayyoon ni beeka.+ 8 Namni jaalala hin argisiisne Waaqayyoon hin beeku; sababiin isaas, Waaqayyo jaalala.+ 9 Nuu wajjin haala wal qabateen jaalalli Waaqayyoo karaa kanaan mulʼateera: Nuti karaa isaa jireenya akka argannuuf,+ Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha+ gara addunyaatti erge. 10 Jaalala jechuun kana dha; kunis nuti Waaqayyoon waan jaallanneef utuu hin taʼin, Waaqayyo waan nu jaallateef, cubbuu keenyaaf aarsaa+ araaraa akka taʼu Ilma isaa erguu isaa ti.+

11 Obboloota jaallatamo, Waaqayyo akkasitti erga nu jaallatee, nutis wal jaallachuuf dirqamni nu irra jira.+ 12 Yoom iyyuu namni Waaqayyoon argee beeku hin jiru.+ Wal jaallachuu keenya yoo itti fufne, Waaqayyo nu keessa ni jiraata, jaalalli isaas nu keessatti guutuu taʼa.+ 13 Inni hafuura isaa waan nuu kenneef, kanaan nuti isaa wajjin tokkummaadhaan akka jiraannuu fi innis nuu wajjin tokkummaadhaan akka jiraatu ni beekna. 14 Kana malees, Abbaan Ilmi isaa Fayyisaa addunyaa akka taʼuuf erguu isaa+ ofuma keenyaa argineerra, akkasumas ragaa baʼaa jirra. 15 Namni Yesuus Ilma Waaqayyoo taʼuu isaa amanee fudhatu+ kam iyyuu, Waaqayyo nama akkasii wajjin tokkummaadhaan ni jiraata; innis Waaqayyoo wajjin tokkummaadhaan ni jiraata.+ 16 Nuti jaalala Waaqayyo nuuf qabu+ beekneerra, amanneerras.

Waaqayyo jaalala;+ namni yeroo hunda jaalala argisiisu Waaqayyoo wajjin tokkummaadhaan jiraata, Waaqayyos isaa wajjin tokkummaadhaan jiraata.+ 17 Karaa kanaan jaalalli nu keessatti guutuu taʼeera; kunis, guyyaa murtiitti bilisummaa dubbachuu* akka qabaannuufi;+ sababiin isaas, nuti addunyaa kana keessatti akkuma Kiristoosi. 18 Jaalala keessa sodaan hin jiru,+ jaalalli guutuun sodaa baasee gata;* sababiin isaas, sodaan gufuu nutti taʼa. Eeyyee, namni sodaatu jaalalli isaa guutuu+ hin taane. 19 Inni dursee waan nu jaallateef,+ nuti jaalala ni argisiisna.

20 Namni kam iyyuu, “Waaqayyoon nan jaalladha” utuu jedhuu obboleessa isaa kan jibbu yoo taʼe inni sobduu dha.+ Namni obboleessa isaa isa ijaan argu hin jaallanne,+ Waaqayyo isa ijaan hin argine jaallachuu hin dandaʼu.+ 21 Nuti ajaja kana isa biraa fudhanneerra, namni Waaqayyoon jaallatu hundi obboleessa isaas jaallachuu qaba.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi