LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Hojii Ergamootaa 14
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Hojii Ergamootaa

      • Guddinaa fi mormii Iqooniyumitti taʼe (1-7)

      • Lisxiraatti akka waaqoliitti ilaalaman (8-18)

      • Phaawulos dhagaadhaan kan tumame taʼus ni oole (19, 20)

      • Gumiiwwan jajjabeessuu (21-23)

      • Anxokiyaa ishii Sooriyaatti deebiʼan (24-28)

Hojii Ergamootaa 14:1

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 107

Hojii Ergamootaa 14:2

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuuwwan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 13:45

Hojii Ergamootaa 14:3

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 19:11; Ibr 2:3, 4

Hojii Ergamootaa 14:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 14:19

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 108

Hojii Ergamootaa 14:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 10:23

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 108

Hojii Ergamootaa 14:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 9:28

Hojii Ergamootaa 14:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 35:6

Hojii Ergamootaa 14:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 28:3-6

Hojii Ergamootaa 14:12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Hiika Addunyaa Haaraa, ful. 2081

    Masaraa Eegumsaa,

    5/15/2008, ful. 32

Hojii Ergamootaa 14:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 10:25, 26
  • +Bau 20:11; Fr 146:6

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 110

Hojii Ergamootaa 14:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 17:30

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    10/1/2013, ful. 11

Hojii Ergamootaa 14:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 147:8; Er 5:24; Mat 5:45
  • +Fr 145:16
  • +HoE 17:26, 27; Rom 1:20

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 110-111

    Yihowaatti Dhihaadhu, ful. 327-328

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 7

    Dammaqaa!,

    Lakk. 3 2021, ful. 14

    Masaraa Eegumsaa,

    10/1/2013, ful. 11

Hojii Ergamootaa 14:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 17:13
  • +2Qo 11:25

Hojii Ergamootaa 14:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 16:1

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2013, ful. 28-29

Hojii Ergamootaa 14:22

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuu barattootaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 10:38; Yoh 15:19; Rom 8:17; 1Ta 3:4
  • +HoE 11:22, 23

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 124

    Gaaffii Dargaggootaa, mataduree 113

    Masaraa Eegumsaa,

    9/15/2014, ful. 13

Hojii Ergamootaa 14:23

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Tit 1:5
  • +HoE 13:2, 3

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 112

Hojii Ergamootaa 14:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 13:13

Hojii Ergamootaa 14:26

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 13:1, 2

Hojii Ergamootaa 14:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 11:18

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 114

Hojii Ergamootaa 14:28

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    10/15/2008, ful. 28

Yaada Wal Simu

HoE. 14:2HoE 13:45
HoE. 14:3HoE 19:11; Ibr 2:3, 4
HoE. 14:5HoE 14:19
HoE. 14:6Mat 10:23
HoE. 14:9Mat 9:28
HoE. 14:10Isa 35:6
HoE. 14:11HoE 28:3-6
HoE. 14:15HoE 10:25, 26
HoE. 14:15Bau 20:11; Fr 146:6
HoE. 14:16HoE 17:30
HoE. 14:17Fr 147:8; Er 5:24; Mat 5:45
HoE. 14:17Fr 145:16
HoE. 14:17HoE 17:26, 27; Rom 1:20
HoE. 14:19HoE 17:13
HoE. 14:192Qo 11:25
HoE. 14:20HoE 16:1
HoE. 14:22Mat 10:38; Yoh 15:19; Rom 8:17; 1Ta 3:4
HoE. 14:22HoE 11:22, 23
HoE. 14:23Tit 1:5
HoE. 14:23HoE 13:2, 3
HoE. 14:24HoE 13:13
HoE. 14:26HoE 13:1, 2
HoE. 14:27HoE 11:18
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Hojii Ergamootaa 14:1-28

Hojii Ergamootaa

14 Phaawulosii fi Barnaabaas Iqooniyumitti mana sagadaa Yihudootaa seenanii haasaa gaarii waan kennaniif, Yihudoonnii fi Giriikonni hedduun amantoota taʼan. 2 Yihudoonni warri hin amanne garuu, saboota kaan keessaa namoota* obboloota irratti kakaasanii akka isaan jibban godhan.+ 3 Kanaafuu, isaan aangoo Yihowaa* biraa argataniin ija jabinaan dubbachaa yeroo dheeraa achi turan; inni karaa isaanii mallattoo fi dinqii raawwachuudhaan gaarummaa isaa isa guddaa ilaalchisee ergaan isaan lallaban dhugaa taʼuu isaa mirkaneesseera.+ 4 Haa taʼu malee, namoonni magaalattii hedduun bakka lamatti hiraman; tokko tokko Yihudoota, kaan immoo ergamoota deggeran. 5 Namoonni saboota kaanii fi Yihudoonni, bulchitoota isaanii wajjin taʼanii isaan salphisuu fi dhagaadhaan isaan tumuuf yommuu yaalii godhan,+ 6 Phaawulosii fi Barnaabaas kana ni dhagaʼan; achiis magaalota Liqaaʼoniyaa, Lisxiraa fi Darbee jedhaman, akkasumas biyya naannoo sana jirutti baqatan.+ 7 Achittis misiraachicha labsuu isaanii itti fufan.

8 Lisxiraa keessa namichi miilli isaa naafate tokko taaʼee ture. Inni erga dhalatee kaasee naafa waan taʼeef deemuu hin dandaʼu ture. 9 Namichi kun yommuu Phaawulos dubbatu dhaggeeffachaa ture. Phaawulosis hubatee isa ilaalee fayyuu akka dandaʼu kan amanu taʼuu isaa yommuu argu,+ 10 sagalee guddaadhaan, “Kaʼiitii miila keetiin dhaabbadhu” jedhe. Kanaafuu, namichi utaalee kaʼee deemuu jalqabe.+ 11 Namoonni hedduun sun wanta Phaawulos godhe yommuu argan, Afaan Liqaaʼoniyaatiin, “Waaqoliin nama fakkaatanii nutti gad buʼaniiru!” jedhanii iyyan.+ 12 Achiis Barnaabaasiin, “Zuus” jedhan; Phaawulos immoo dursa fudhatee dubbachaa waan tureef, “Hermees” jedhanii isa waamuu jalqaban. 13 Lubni Zuus, inni manni qulqullummaa isaa karra magaalattii bira jirus namoota sanaa wajjin aarsaa isaanii dhiheessuuf, korommii fi abaaboo akka gonfootti dhaʼame fidee gara karrichaatti dhufe.

14 Haa taʼu malee, ergamoonni sun, jechuunis Barnaabaasii fi Phaawulos kana yommuu dhagaʼan uffata isaanii tarsaasanii utaalanii namoota sana gidduu seenuudhaan sagalee isaanii guddisanii akkana jedhan: 15 “Namoota nana, maaliif wanta akkasii gootu? Nuti namoota akkuma keessan dadhabina qabnu dha.+ Misiraachoo isiniif labsaa kan jirru, isin wantoota gatii hin qabne kana dhiistanii gara Waaqa jiraataa isa, samii, lafa, galaanaa fi wantoota isaan keessa jiran hundumaa uumetti akka deebitaniifi.+ 16 Inni dhaloota darbanitti saboonni hundi karaa ofii isaanii irra akka deeman isaaniif heyyamee ture;+ 17 taʼus wanta gaarii gochuudhaan, jechuunis samii irraa bokkaa roobsuudhaan, waqtiilee firii qaban isiniif kennuudhaan,+ akkasumas nyaata akka quuftanii fi garaan keessan gammachuudhaan akka guutamu gochuudhaan+ waaʼee ofii isaa dhugaa baʼeera.”+ 18 Isaan wantoota kana kan dubbatan taʼus, aarsaa akka isaaniif hin dhiheessine kan isaan dhowwan dirqamaan ture.

19 Haa taʼu malee, Yihudoonni Anxokiyaa fi Iqooniyumii dhufan, namoota sana amansiisanii+ Phaawulosiin dhagaadhaan erga tumanii booda, kan duʼe waan isaanitti fakkaateef lafa irra harkisanii magaalattiidhaa gad baasan.+ 20 Haa taʼu malee, barattoonni dhufanii yommuu isatti marsan kaʼee gara magaalattiitti seene. Guyyaa itti aanutti immoo Barnaabaasii wajjin gara Darbee dhaqe.+ 21 Magaalaa sanatti misiraachoo labsuudhaan namoota hedduu barattoota erga godhanii booda gara Lisxiraa, Iqooniyumii fi Anxokiyaatti deebiʼan. 22 Achitti, “Mootummaa Waaqayyootti galuuf rakkina hedduu keessa darbuu qabna”+ jedhanii amantiitti cimanii akka jiraatan jajjabeessuudhaan barattoota* ni cimsan.+ 23 Kana malees, tokkoon tokkoon gumiiwwanii keessatti jaarsolii isaaniif muudan;+ erga kadhatanii fi soomanii boodas,+ Yihowaa* isa isaan itti amananitti imaanaadhaan isaan kennan.

24 Achiis Phisdiyaa keessa darbanii gara Phamfiliyaa dhufan;+ 25 Phergeetti dubbicha erga labsanii boodas gara Ataaliyaatti gad buʼan. 26 Achii kaʼaniis dooniidhaan gara Anxokiyaa dhaqan; isaan hojii amma guutummaatti raawwatan kanaaf gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatti imaanaadhaan kan kennaman iddoo kanatti ture.+

27 Yommuu achi gaʼanis gumicha walitti qabanii, wantoota hedduu Waaqayyo karaa isaanii raawwatee fi inni akkamitti saboota kaaniif balbala amantii akka bane isaanitti himuu jalqaban.+ 28 Kanaafuu, isaan barattootaa wajjin yeroo dheeraa dabarsan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi