LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 1
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee 2 Moototaa

      • Eeliyaas Ahaaziyaan akka duʼu raajii dubbate (1-18)

2 Mootota 1:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 19:36, 37; 2Sa 8:2; Fr 60:8

2 Mootota 1:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 13:2, 3; 1Sa 5:10
  • +2Mo 1:16

2 Mootota 1:3

Miiljaleewwan

  • *

    “Waaqni Koo Yihowaa Dha” jechuu dha.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 17:1; 18:36
  • +Isa 8:19; Er 2:11

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Hiika Addunyaa Haaraa, ful. 2071-2072

2 Mootota 1:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 10:13, 14

2 Mootota 1:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 19:19; Zak 13:4; Ibr 11:32, 37
  • +Mat 3:4

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa, mataduree 1

2 Mootota 1:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 33:1

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa, mataduree 1

2 Mootota 1:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 11:1; 16:35; Luq 9:54; Yih 7

2 Mootota 1:11

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa, mataduree 1

2 Mootota 1:13

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa, mataduree 1

2 Mootota 1:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 13:2, 3
  • +2Mo 1:3

2 Mootota 1:17

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, obboleessa Akaaziyaa.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 3:1; 9:22
  • +2Mo 8:16

2 Mootota 1:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 22:51

Yaada Wal Simu

2Mot. 1:1Uma 19:36, 37; 2Sa 8:2; Fr 60:8
2Mot. 1:2Iya 13:2, 3; 1Sa 5:10
2Mot. 1:22Mo 1:16
2Mot. 1:31Mo 17:1; 18:36
2Mot. 1:3Isa 8:19; Er 2:11
2Mot. 1:61Se 10:13, 14
2Mot. 1:81Mo 19:19; Zak 13:4; Ibr 11:32, 37
2Mot. 1:8Mat 3:4
2Mot. 1:9Kes 33:1
2Mot. 1:10Lak 11:1; 16:35; Luq 9:54; Yih 7
2Mot. 1:16Iya 13:2, 3
2Mot. 1:162Mo 1:3
2Mot. 1:172Mo 3:1; 9:22
2Mot. 1:172Mo 8:16
2Mot. 1:181Mo 22:51
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
2 Mootota 1:1-18

Mootota Lammaffaa

1 Ahaab erga duʼee booda, Moʼaab+ Israaʼel irratti fincila kaase.

2 Gaaf tokko Akaaziyaan kutaa isaa isa baaxii irraa isa Samaariyaa keessatti argamu irraa karaa ittisa foddaa kufee miidhame. Kanaafuu inni, “Dhaqaatii, miidhama kana irraa akkan fayyuu fi akkan hin fayyine Baʼaal Zebuub waaqa Eqrooniin+ naa gaafadhaa” jedhee ergamtoota isaa erge.+ 3 Haa taʼu malee, maleekaan Yihowaa Eeliyaas*+ Tishbichaan akkana jedhe: “Kaʼi, gara ergamtoota mootii Samaariyaa dhaqiitii akkana isaaniin jedhi: ‘Baʼaal Zebuub waaqa Eqrooniin gaafachuuf kan dhaqxu Israaʼel keessa Waaqni waan hin jirreefii?+ 4 Kanaafuu, Yihowaan akkana jedha: “Ati siree irra ciisaa jirtu irraa hin kaatu; dhugumaan ni duuta.”’” Sana booda Eeliyaas ni deeme.

5 Ergamtoonni sun yommuu gara isaatti deebiʼanis Akaaziyaan yeruma sana, “Deebitanii kan dhuftan maaliifi?” isaaniin jedhe. 6 Isaanis akkana jedhanii isaaf deebisan: “Namichi nu argachuuf dhufe tokko akkana nuun jedhe: ‘Dhaqaa, gara mootii isin erge sanaatti deebiʼaatii akkana isaan jedhaa: “Yihowaan akkana jedha: ‘Baʼaal Zebuub waaqa Eqrooniin gaafachuuf kan ergitu Israaʼel keessa Waaqni waan hin jirreefii? Kanaafuu, Ati siree irra ciisaa jirtu irraa hin kaatu; dhugumaan ni duuta.’”’”+ 7 Yeroo kanatti inni, “Namichi isin argachuuf dhufee fi wanta kana isinitti dubbate sun maal fakkaata?” jedhee isaan gaafate. 8 Isaanis, “Inni nama uffata rifeensaa uffatee+ fi mudhii isaatti qabattoo gogaa hidhate tokko dha”+ isaan jedhan. Innis yeruma sana, “Inni Eeliyaas Tishbicha dha” jedhe.

9 Achiis mootichi ajajaa 50 tokko namoota isaa 50n wajjin gara isaatti erge. Yommuu inni gara isaatti ol baʼu, Eeliyaas fiixee gaarichaa irra taaʼee ture. Ajajaan sunis, “Yaa nama Waaqa dhugaa,+ mootichi, ‘Gad buʼi’ siin jedheera” isaan jedhe. 10 Eeliyaas garuu, “Ani nama Waaqa dhugaa yoon taʼe, ibiddi samii irraa gad buʼee+ sii fi namoota kee 50n haa fixu” jedhee ajajaa 50 sanaaf deebise. Ibiddis samii irraa gad buʼee isaa fi namoota isaa 50n ni fixe.

11 Kanaafuu, mootichi ammas ajajaa 50 kan biraa namoota isaa 50n wajjin erge. Innis deemee, “Yaa nama Waaqa dhugaa, mootichi, ‘Dafii gad buʼi’ siin jedheera” isaan jedhe. 12 Eeliyaas garuu, “Ani nama Waaqa dhugaa yoon taʼe, ibiddi samii irraa gad buʼee sii fi namoota kee 50n haa fixu” jedhee isaaniif deebise. Ibiddi Waaqayyoos samii irraa gad buʼee isaa fi namoota isaa 50n ni fixe.

13 Mootichi ammas yeroo sadaffaadhaaf ajajaa 50 tokko namoota isaa 50n wajjin erge. Haa taʼu malee, ajajaan 50 inni yeroo sadaffaadhaaf ergame sun ol baʼee Eeliyaas duratti jilbeenfatee sagaduudhaan isa duratti fudhatama argachuuf akkana jedhee kadhachuu jalqabe: “Yaa nama Waaqa dhugaa, maaloo, lubbuun koo fi lubbuun tajaajiltoota kee 50n kanaa si duratti akka waan gatii guddaa qabutti haa ilaalamu. 14 Ibiddi samii irraa buʼee ajajjoota 50 lamaanii fi namoota isaanii gareewwan 50n lamaan fixeera; amma garuu lubbuun koo si duratti akka waan gatii guddaa qabuutti naaf haa ilaalamu.”

15 Yeroo kanatti maleekaan Yihowaa Eeliyaasiin, “Isaa wajjin gad buʼi. Isa hin sodaatin” jedhe. Kanaafuu, inni kaʼee isaa wajjin gara mootichaatti gad buʼe. 16 Achiis Eeliyaas mootichaan akkana jedhe: “Yihowaan akkana jedha: ‘Baʼaal Zebuub waaqa Eqrooniin+ gaafachuuf ergamtoota ergiteetta. Kana kan goote Israaʼel keessa Waaqni waan hin jirreefii?+ Ati dubbii isaa maaliif hin gaafanne? Kanaafuu, ati siree irra ciisaa jirtu irraa hin kaatu; dhugumaan ni duuta.’” 17 Akkuma Yihowaan karaa Eeliyaas dubbatettis inni ni duʼe; inni ilma waan hin qabneef Yooraam*+ bakka isaa mootii taʼe; kunis kan taʼe, Yooraam+ ilmi Yoshaafaax mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa lammaffaa isaatti ture.

18 Seenaan Akaaziyaa+ inni hafee fi wanti inni godhe kitaaba waaʼee seenaa bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera mitii?

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi