LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 16
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee 2 Moototaa

      • Akaaz mootii Yihudaa (1-6)

      • Akaaz Asoorotaaf mattaʼaa kenne (7-9)

      • Akaaz pilaanii iddoo aarsaa waaqeffannaa sobaa garagalfate (10-18)

      • Akaaz ni duʼe (19, 20)

2 Mootota 16:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 1:1; 7:1; Hos 1:1; Mik 1:1; Mat 1:9

2 Mootota 16:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 28:1-4

2 Mootota 16:3

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “ibidda keessa dabarse.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 12:28-30; 16:33
  • +Kes 12:29-31
  • +Lew 20:2, 3; 2Se 33:1, 6; Er 7:31

2 Mootota 16:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 33:52
  • +Kes 12:2

2 Mootota 16:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 15:37; 2Se 28:5, 6

2 Mootota 16:6

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “namoota Yihudaas.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 14:21, 22

2 Mootota 16:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 15:29

2 Mootota 16:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 15:18, 19

2 Mootota 16:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Amo 1:4, 5
  • +Isa 9:11

2 Mootota 16:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 12:30

2 Mootota 16:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 8:2
  • +Er 23:11; His 22:26

2 Mootota 16:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 28:22, 23, 25

2 Mootota 16:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 4:1

2 Mootota 16:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 8:2
  • +Bau 29:39-41
  • +2Se 28:23

2 Mootota 16:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 16:11

2 Mootota 16:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 7:27, 28
  • +1Mo 7:38; 2Se 4:6
  • +1Mo 7:23, 25
  • +2Se 28:24; 29:19

2 Mootota 16:18

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Gaaddisa.”

2 Mootota 16:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 28:26, 27

2 Mootota 16:20

Miiljaleewwan

  • *

    “Yihowaan ni Jabeessa” jechuu dha.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 18:1; 2Se 29:1; Isa 1:1; Hos 1:1; Mat 1:9

Yaada Wal Simu

2Mot. 16:1Isa 1:1; 7:1; Hos 1:1; Mik 1:1; Mat 1:9
2Mot. 16:22Se 28:1-4
2Mot. 16:31Mo 12:28-30; 16:33
2Mot. 16:3Kes 12:29-31
2Mot. 16:3Lew 20:2, 3; 2Se 33:1, 6; Er 7:31
2Mot. 16:4Lak 33:52
2Mot. 16:4Kes 12:2
2Mot. 16:52Mo 15:37; 2Se 28:5, 6
2Mot. 16:62Mo 14:21, 22
2Mot. 16:72Mo 15:29
2Mot. 16:81Mo 15:18, 19
2Mot. 16:9Amo 1:4, 5
2Mot. 16:9Isa 9:11
2Mot. 16:10Kes 12:30
2Mot. 16:11Isa 8:2
2Mot. 16:11Er 23:11; His 22:26
2Mot. 16:122Se 28:22, 23, 25
2Mot. 16:142Se 4:1
2Mot. 16:15Isa 8:2
2Mot. 16:15Bau 29:39-41
2Mot. 16:152Se 28:23
2Mot. 16:162Mo 16:11
2Mot. 16:171Mo 7:27, 28
2Mot. 16:171Mo 7:38; 2Se 4:6
2Mot. 16:171Mo 7:23, 25
2Mot. 16:172Se 28:24; 29:19
2Mot. 16:192Se 28:26, 27
2Mot. 16:202Mo 18:1; 2Se 29:1; Isa 1:1; Hos 1:1; Mat 1:9
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
2 Mootota 16:1-20

Mootota Lammaffaa

16 Peeqaan ilmi Remaaliyaa mootii taʼee waggaa 17ffaa isaatti, Akaaz+ ilmi Yootaam mootii Yihudaa mootii ni taʼe. 2 Akaaz yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 20 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 16f ni bulche. Akka abbaan isaa Daawit godhetti, inni wanta Waaqa isaa Yihowaa duratti sirrii taʼe hin goone.+ 3 Kanaa mannaa, daandii mootota Israaʼel irra ni deeme;+ gochawwan jibbisiisoo saboonni warri Yihowaan Israaʼelota duraa ariʼe sun raawwachaa turan duukaa buʼuudhaan+ ilma isaa illee ibiddaan ni gube.*+ 4 Akkasumas, iddoowwan ol kaʼoo irratti,+ tabbawwan irrattii fi muka lalisaa hundumaa jalatti+ aarsaa fi aarsaa aarfamu ni dhiheessa ture.

5 Reezin mootiin Sooriyaa fi Peeqaan ilmi Remaaliyaa mootiin Israaʼel, Yerusaalemiin waraanuuf kan ol baʼan yeroo kanatti ture.+ Isaan Akaazitti kan marsan taʼus magaalattii qabachuu hin dandeenye. 6 Yeroo sanatti Reezin mootiin Sooriyaa, Eelaatiin+ Edoomiif ni deebisiise; Yihudootas* Eelaat keessaa ni ariʼe. Edoomonnis Eelaatitti ni seenan; isaanis hamma harʼaatti ishii keessa jiraatu. 7 Kanaafuu Akaaz, “Ani tajaajilaa kee fi ilma kee ti. Kottuutii harka mootii Sooriyaa fi harka mootii Israaʼel warra na haleelaa jiran jalaa na oolchi” jedhee gara mootii Asoor Tiglaat Pileseeritti+ namoota erge. 8 Achiis Akaaz meetii fi warqii isa mana Yihowaa fi manneen qabeenyaa mana mootichaa keessa jiru fuudhee mootii Asooriif mattaʼaa erge.+ 9 Mootiin Asooris gaaffii isaa kana fudhatee gara Damaasqootti ol baʼee ishii qabate; namoota ishiis boojiʼee gara Qiiritti+ geesse; Reeziniinis ni ajjeese.+

10 Achiis Akaaz Mootichi Damaasqootti mootii Asoor Tiglaat Pileseeriin argachuuf deeme. Akaaz Mootichis iddoo aarsaa Damaasqoo keessa jiru yommuu argu, pilaanii iddoon aarsaa sun maal akka fakkaatuu fi akkamitti akka hojjetame argisiisu Uuriyaa lubichaaf ni erge.+ 11 Uuriyaan+ lubichis akkuma qajeelfama Akaaz Mootichi Damaasqoodhaa isaaf ergetti iddoo aarsaa sana ni ijaare.+ Uuriyaan lubichi Akaaz Mootichi Damaasqoodhaa deebiʼuu isaa dura iddoo aarsaa sana ijaaree xumure. 12 Mootichis yommuu Damaasqoodhaa deebiʼu iddoo aarsaa sana ni arge; achiis gara iddoo aarsaa sanaatti dhihaatee achi irratti aarsaawwan dhiheesse.+ 13 Iddoo aarsaa sana irrattis aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan midhaanii isaa akka aarfaman ni godhe; kana malees, inni aarsaawwan dhugaatii isaa ni dhangalaase; dhiiga aarsaawwan gamtaas achi irratti ni facaase. 14 Achiis iddoo aarsaa sibiila diimaa+ isa Yihowaa dura ture, manicha duraa iddoo isaatii, jechuunis iddoo aarsaa ofii isaa fi mana Yihowaa gidduudhaa kaasee, iddoo aarsaa ofii isaa irraa gara kaabaatiin ni kaaʼe. 15 Akaaz Mootichi akkana jedhee Uuriyaa+ lubicha ajaje: “Aarsaa gubamu isa ganamaa, aarsaa midhaanii isa galgalaa,+ aarsaa gubamu isa kan mootichaa, aarsaa midhaanii isaa, akkasumas aarsaawwan gubaman, aarsaawwan midhaanii fi aarsaawwan dhugaatii namoota hundumaa iddoo aarsaa isa guddaa irratti dhiheessi.+ Akkasumas, dhiiga aarsaawwan gubaman hundumaa fi dhiiga aarsaawwan kaanii hundumaa achi irratti facaasi. Iddoo aarsaa sibiila diimaa ilaalchisee immoo wanta godhamuu qabu nan murteessa.” 16 Uuriyaan lubichis wanta Akaaz Mootichi ajaje hunda ni raawwate.+

17 Kana malees, Akaaz Mootichi cinaacha battee gaariiwwan+ sanaa ni kukkute, miʼawwan bishaanii sanas achi irraa ni kaase;+ Galaanichas qotiyyoowwan sibiila diimaa+ warra isa baatan sana irraa buusee dhagaa lafa irratti afame irra kaaʼe.+ 18 Iddoo golgamaa* manicha keessatti ijaarame isa guyyaa Sanbataatti itti fayyadaman, akkasumas karra isa alaa mootichi itti ol galu mana Yihowaatii kaasee bakka kan biraatti jijjiire; inni akkana kan godhe mootii Asooriin kan kaʼe dha.

19 Seenaan Akaaz inni hafee fi wanti inni godhe, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii?+ 20 Achiis Akaaz abbootii isaa wajjin ni boqote; Magaalaa Daawit keessattis abbootii isaa wajjin ni awwaalame; ilmi isaa Hisqiyaasis*+ bakka isaa mootii taʼe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi