LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Abbootii Murtii 13
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Abbootii Murtii

      • Maleekaan tokko Maanoʼaa fi haadha manaa isaa bira dhaqe (1-23)

      • Saamson ni dhalate (24, 25)

Abbootii Murtii 13:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 2:11, 19; 10:6
  • +Iya 13:1-3; Abo 10:7

Abbootii Murtii 13:2

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “maseenaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 15:20, 33; 19:41, 48
  • +Uma 49:16
  • +Abo 16:31
  • +Uma 30:22, 23

Abbootii Murtii 13:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 18:10; 1Sa 1:20; Luq 1:11, 13

Abbootii Murtii 13:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 6:2, 3; Luq 1:15
  • +Lew 11:26, 27

Abbootii Murtii 13:5

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “gadameessa irraa jalqabee.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 6:2, 5
  • +Abo 2:16; 13:1; Nah 9:27

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Hiika Addunyaa Haaraa, ful. 2091-2092

Abbootii Murtii 13:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 13:17, 18

Abbootii Murtii 13:7

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “gadameessa irraa jalqabee.”

Abbootii Murtii 13:8

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    11/15/2015, ful. 3

    8/15/2013, ful. 16

Abbootii Murtii 13:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 13:3

Abbootii Murtii 13:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 13:8

Abbootii Murtii 13:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 13:4

Abbootii Murtii 13:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 6:2, 3
  • +Lew 11:26, 27

Abbootii Murtii 13:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 18:5, 7; Abo 6:18, 19; Ibr 13:2

Abbootii Murtii 13:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 32:29; Abo 13:6

Abbootii Murtii 13:19

Miiljaleewwan

  • *

    Waaqayyoon kan argisiisu taʼuu hin oolu.

Abbootii Murtii 13:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 6:22, 23

Abbootii Murtii 13:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 33:20; Yoh 1:18

Abbootii Murtii 13:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 13:16

Abbootii Murtii 13:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Ibr 11:32

Abbootii Murtii 13:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 18:11, 12
  • +Iya 15:20, 33
  • +Abo 3:9, 10; 6:34; 11:29; 1Sa 11:6

Yaada Wal Simu

Abo. 13:1Abo 2:11, 19; 10:6
Abo. 13:1Iya 13:1-3; Abo 10:7
Abo. 13:2Iya 15:20, 33; 19:41, 48
Abo. 13:2Uma 49:16
Abo. 13:2Abo 16:31
Abo. 13:2Uma 30:22, 23
Abo. 13:3Uma 18:10; 1Sa 1:20; Luq 1:11, 13
Abo. 13:4Lak 6:2, 3; Luq 1:15
Abo. 13:4Lew 11:26, 27
Abo. 13:5Lak 6:2, 5
Abo. 13:5Abo 2:16; 13:1; Nah 9:27
Abo. 13:6Abo 13:17, 18
Abo. 13:10Abo 13:3
Abo. 13:12Abo 13:8
Abo. 13:13Abo 13:4
Abo. 13:14Lak 6:2, 3
Abo. 13:14Lew 11:26, 27
Abo. 13:15Uma 18:5, 7; Abo 6:18, 19; Ibr 13:2
Abo. 13:17Uma 32:29; Abo 13:6
Abo. 13:21Abo 6:22, 23
Abo. 13:22Bau 33:20; Yoh 1:18
Abo. 13:23Abo 13:16
Abo. 13:24Ibr 11:32
Abo. 13:25Abo 18:11, 12
Abo. 13:25Iya 15:20, 33
Abo. 13:25Abo 3:9, 10; 6:34; 11:29; 1Sa 11:6
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Abbootii Murtii 13:1-25

Abbootii Murtii

13 Israaʼelonni ammas deebiʼanii wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe raawwatan;+ Yihowaanis waggaa 40f harka Filisxeemotaatti+ dabarsee isaan kenne.

2 Yeroo kanatti, namni Zoraa+ maatii Daanotaa+ keessaa taʼee fi Maanoʼaa+ jedhamu tokko jira ture. Haati manaa isaa dhabduu* fi daaʼima kan hin qabne turte.+ 3 Yeroo booda maleekaan Yihowaa ishiitti mulʼatee akkana ishiidhaan jedhe: “Kunoo, ati dhabduu fi daaʼima kan hin qabne dha. Haa taʼu malee, ni ulfoofta, ilmas ni deessa.+ 4 Egaa wayiniis taʼe dhugaatii alkoolii akkamii iyyuu akka hin dhugnee+ fi wanta qulqulluu hin taane akkamii iyyuu akka hin nyaanne of eeggadhu.+ 5 Kunoo, ati ni ulfoofta, ilmas ni deessa; mucichi yeroo itti dhalatuu jalqabee* Waaqayyoof Naazricha waan taʼuuf, haadduun mataa isaa tuquu hin qabu;+ inni harka Filisxeemotaa jalaa Israaʼeliin oolchuu irratti dursa ni fudhata.”+

6 Achiis dubartiin sun dhaqxee akkana jettee abbaa manaa ishiitti himte: “Namni Waaqa dhugaa tokko gara koo dhufee ture; bifti isaa akkuma maleekaa Waaqa dhugaa baayʼee kan nama sodaachisu dha. Ani eessaa akka dhufe isa hin gaafanne; innis maqaa isaa natti hin himne.+ 7 Haa taʼu malee, akkana naan jedhe: ‘Kunoo, ni ulfoofta, ilmas ni deessa. Mucichi yeroo itti dhalatuu jalqabee* hamma guyyaa itti duʼuutti Waaqayyoof Naazricha waan taʼuuf, wayiniis taʼe dhugaatii alkoolii akkamii iyyuu hin dhugin; wanta qulqulluu hin taane akkamii iyyuus hin nyaatin.’”

8 Maanoʼaanis akkana jedhee Yihowaa kadhate: “Yihowaa, dhiifama naa godhi. Maaloo, mucaa dhalatu sana akkamitti guddisuu akka qabnu qajeelfama akka nuu kennuuf, namni Waaqa dhugaa inni ati ergitee turte sun deebiʼee gara keenya haa dhufu.” 9 Kanaafuu, Waaqni dhugaan Maanoʼaa ni dhagaʼe; utuu ishiin ala teessee jirtuu maleekaan Waaqa dhugaa sun gara dubartii sanaa deebiʼee ni dhufe; abbaan manaa ishii Maanoʼaan ishii wajjin hin turre. 10 Dubartittiinis daftee fiigdee, “Kunoo, namichi guyyaa darbe na bira dhufee ture sun natti mulʼateera”+ jettee abbaa manaa ishiitti himte.

11 Achiis Maanoʼaan kaʼee haadha manaa isaa wajjin deeme. Gara namicha sanaa dhufee, “Namichi inni haadha manaa tiyyatti dubbate sun siʼii?” isaan jedhe. Innis, “Eeyyee, ana dha” jedhe. 12 Achiis Maanoʼaan, “Wanti ati dubbatte haa raawwatamu! Garuu mucichi jireenya akkamii jiraata? Hojiin isaa hoo maal taʼa?”+ jedhe. 13 Kanaafuu maleekaan Yihowaa Maanoʼaadhaan akkana jedhe: “Haati manaa tee wanta ani ishiitti hime hundumaa irraa of haa eegdu.+ 14 Ishiin wanta muka wayinii irraa argamu akkamii iyyuu nyaachuu, wayiniis taʼe dhugaatii alkoolii akkamii iyyuu dhuguu,+ akkasumas wanta qulqulluu hin taane akkamii iyyuu nyaachuu hin qabdu.+ Wantan ishii ajaje hundumaa haa eegdu.”

15 Yeroo kanatti Maanoʼaan maleekaa Yihowaatiin, “Maaloo, xobbaallaa reʼee tokko qopheessinee hamma siif dhiheessinutti asuma turi”+ jedhe. 16 Maleekaan Yihowaa garuu Maanoʼaadhaan, “Utuun as turees ani nyaata kee hin nyaadhu; Yihowaadhaaf aarsaa gubamu dhiheessuu yoo barbaadde garuu dhiheessuu dandeessa” jedhe. Maanoʼaan inni maleekaa Yihowaa taʼuu isaa hin beekne ture. 17 Achiis Maanoʼaan, “Yommuu wanti ati dubbatte raawwatamu ulfina akka siif kenninuuf maqaan kee eenyu?”+ jedhee maleekaa Yihowaa gaafate. 18 Haa taʼu malee, maleekaan Yihowaa, “Dinqisiisaa waan taʼeef, maaliif maqaa koo gaafatta?” isaan jedhe.

19 Achiis Maanoʼaan xobbaallaa reʼee sanaa fi aarsaa midhaanii sana fuudhee qarsaa irratti Yihowaadhaaf ni dhiheesse. Innis* utuma Maanoʼaanii fi haati manaa isaa isa ilaalanii wanta dinqisiisaa taʼe ni godhe. 20 Yommuu laboobni ibiddaa iddoo aarsaa sana keessaa gara samiitti ol baʼu, maleekaan Yihowaas utuma Maanoʼaanii fi haati manaa isaa isa ilaalanii labooba ibiddaa isa iddoo aarsaatii baʼu keessaan ol ni baʼe. Isaanis yeruma sana adda isaaniitiin lafatti gombifaman. 21 Maleekaan Yihowaa deebiʼee Maanoʼaa fi haadha manaa isaatti hin mulʼanne. Yeroo kanatti Maanoʼaan inni maleekaa Yihowaa+ akka ture ni hubate. 22 Achiis Maanoʼaan haadha manaa isaatiin, “Inni argine sun Waaqayyo waan taʼeef, duʼuun keenya hin oolu”+ jedhe. 23 Haati manaa isaa garuu, “Yihowaan nu ajjeesuu barbaada utuu taʼee, aarsaa gubamuu+ fi aarsaa midhaanii nu harkaa hin fudhatu, wantoota kana hundumaas nutti hin argisiisu, akkasumas wantoota kana keessaa isa kam iyyuu nutti hin himu ture” isaan jette.

24 Boodas dubartittiin ilma ni deesse; maqaa isaas Saamson+ jettee moggaaste; yommuu mucichi guddachaa deemuttis Yihowaan isa eebbisuu isaa ittuma fufe. 25 Yeroo boodas Mahaane Daan+ ishii Zoraa fi Eeshtaaʼol+ gidduutti argamtu keessatti hafuurri Yihowaa isa kakaasuu jalqabe.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi