LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 6
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee 2 Moototaa

      • Eelsaaʼi sibiilli qottoo akka bololiʼu godhe (1-7)

      • Eelsaaʼii fi warra Sooriyaa (8-23)

        • Ijji tajaajilaa Eelsaaʼii ni baname (16, 17)

        • Warri Sooriyaa sammuun isaanii ni jaame (18, 19)

      • Beela Samaariyaa ishii marfamte keessatti uumame (24-33)

2 Mootota 6:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 2:3, 5; 9:1

2 Mootota 6:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 20:1, 34; 22:31

2 Mootota 6:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 17:24

2 Mootota 6:10

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “yeroo tokko ykn yeroo lamaa oliif.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 2:12

2 Mootota 6:11

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “garaa mootii.”

2 Mootota 6:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Dan 2:22, 28

2 Mootota 6:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 37:16, 17

2 Mootota 6:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 22:31; 2Se 32:7; Fr 18:2; 27:3; 46:7; 55:18; 118:11; Rom 8:31
  • +Bau 14:13; Fr 3:6

2 Mootota 6:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 7:56
  • +2Mo 2:11; Fr 68:17; Zak 6:1
  • +Fr 34:7; Mat 26:53

2 Mootota 6:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 19:10, 11

2 Mootota 6:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 16:29

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Barreeffamoota Qorannaa Walgaʼii, 3/2020, ful. 5

2 Mootota 6:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 25:21; Rom 12:20

2 Mootota 6:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 5:2

2 Mootota 6:24

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “buufata.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 28:52; 1Mo 20:1

2 Mootota 6:25

Miiljaleewwan

  • *

    Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

  • *

    Ykn., “makoodii; andarii.”

  • *

    Qaabiin tokko 1.22 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 26:26; Kes 28:15, 17
  • +Kes 14:3; His 4:14

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Hiika Addunyaa Haaraa, ful. 2092

2 Mootota 6:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 26:29; Kes 28:53-57; His 5:10

2 Mootota 6:29

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fru 4:10

2 Mootota 6:30

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 37:29; 1Mo 21:27

2 Mootota 6:31

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 38:4

2 Mootota 6:32

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 18:13; 21:9, 10

Yaada Wal Simu

2Mot. 6:12Mo 2:3, 5; 9:1
2Mot. 6:81Mo 20:1, 34; 22:31
2Mot. 6:91Mo 17:24
2Mot. 6:10Mat 2:12
2Mot. 6:12Dan 2:22, 28
2Mot. 6:13Uma 37:16, 17
2Mot. 6:162Sa 22:31; 2Se 32:7; Fr 18:2; 27:3; 46:7; 55:18; 118:11; Rom 8:31
2Mot. 6:16Bau 14:13; Fr 3:6
2Mot. 6:17HoE 7:56
2Mot. 6:172Mo 2:11; Fr 68:17; Zak 6:1
2Mot. 6:17Fr 34:7; Mat 26:53
2Mot. 6:18Uma 19:10, 11
2Mot. 6:191Mo 16:29
2Mot. 6:22Fak 25:21; Rom 12:20
2Mot. 6:232Mo 5:2
2Mot. 6:24Kes 28:52; 1Mo 20:1
2Mot. 6:25Lew 26:26; Kes 28:15, 17
2Mot. 6:25Kes 14:3; His 4:14
2Mot. 6:28Lew 26:29; Kes 28:53-57; His 5:10
2Mot. 6:29Fru 4:10
2Mot. 6:30Uma 37:29; 1Mo 21:27
2Mot. 6:31Er 38:4
2Mot. 6:321Mo 18:13; 21:9, 10
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
2 Mootota 6:1-33

Mootota Lammaffaa

6 Ilmaan raajotaa+ Eelsaaʼiin akkana jedhan: “Kunoo, bakki nuti sii wajjin itti jiraannu kun baayʼee nutti dhiphateera. 2 Maaloo, gara Yordaanos haa dhaqnu. Tokkoon tokkoon keenya achii muka murree iddoo itti jiraannu achitti haa ijaarrannu.” Innis, “Dhaqaa” isaaniin jedhe. 3 Isaan keessaas inni tokko, “Maaloo, ati hoo tajaajiltoota kee wajjin ni dhuftaa?” isaan jedhe. Innis, “Eeyyee nan dhufa” isaan jedhe. 4 Kanaafuu, inni isaanii wajjin ni deeme; isaanis gara Yordaanos dhaqanii mukeetii muruu jalqaban. 5 Isaan keessaa inni tokko utuma muka muraa jiruu, sibiilli qottoo bishaan keessa jalaa buʼe; innis, “Wayyoo, yaa gooftaa koo, miʼa ergisaa ti” jedhee iyye. 6 Namichi Waaqa dhugaa sunis, “Eessatti kufe?” isaan jedhe. Kanaafuu, inni iddoo isaa isatti argisiise. Innis muka tokko muree achitti darbatee sibiilli qottoo sun bishaanicha keessaa ol baʼee akka bololiʼu godhe. 7 Achiis, “Kaasii fudhadhu” isaan jedhe. Kanaafuu, inni harka isaa hiixatee fudhate.

8 Yeroo kanatti mootiin Sooriyaa Israaʼeliin waraanuuf deeme.+ Achiis tajaajiltoota isaa wajjin mariʼatee, “Ani isinii wajjin bakka akkanaa nan buufadha” jedhe. 9 Sana booda namni Waaqa dhugaa+ sun, “Warri Sooriyaa asiin gad buʼaa waan jiraniif, asiin akka hin darbine of eeggadhu” jedhee mootii Israaʼelitti dhaamsa erge. 10 Kanaafuu, mootiin Israaʼel bakka namni Waaqa dhugaa sun akka hin dhaqne isa akeekkachiisetti dhaamsa erge. Eelsaaʼis irra deddeebiʼee isa akeekkachiise; innis yeroo baayʼee* gara bakka sanaa utuu hin dhaqin hafe.+

11 Kunis mootii* Sooriyaa waan aarseef, inni tajaajiltoota isaa waamee, “Natti himaa! Nu keessaa namni mootii Israaʼeliin deggeru eenyu?” jedhee isaan gaafate. 12 Achiis tajaajiltoota isaa keessaa tokko, “Yaa gooftaa koo yaa mootii, nu keessaa eenyu iyyuu miti. Wantoota ati kutaa ciisichaa kee keessatti dubbattu, mootii Israaʼelitti kan himu Eelsaaʼi raajicha isa Israaʼel keessa jiru dha”+ isaan jedhe. 13 Innis, “Ani namoota ergee akkan isa qabsiisuuf, dhaqaatii eessa akka jiru qoradhaa” isaaniin jedhe. Boodas oduun, “Inni Dootaan+ keessa jira” jedhu isatti himame. 14 Innis yeruma sana fardeenii fi gaariiwwan fardaa, akkasumas loltoota hedduu achitti erge; isaanis halkan dhufanii magaalattiitti marsan.

15 Tajaajilaan nama Waaqa dhugaa sanaas ganamaan kaʼee yommuu gad baʼu raayyaan waraanaa fardeenii fi gaariiwwan fardaa qabu tokko magaalattiitti marsee arge. Tajaajilaan sunis yeruma sana, “Wayyoo, gooftaa koo! Maal gochuu nuu wayya?” isaan jedhe. 16 Inni garuu, “Warra isaanii wajjin jiran irra warri nuu wajjin jiran waan caalaniif,+ hin sodaatin!”+ isaan jedhe. 17 Achiis Eelsaaʼi, “Yaa Yihowaa, akka inni arguuf, maaloo ija isaa isaaf bani”+ jedhee kadhate. Yihowaanis yeruma sana ija tajaajilaa sanaa ni bane; innis ni arge; kunoo, fardeenii fi gaariiwwan fardaa ibiddaa+ Eelsaaʼitti marsanii naannoo gaarotaa sana guutanii turan.+

18 Eelsaaʼis warri Sooriyaa yommuu gara isaatti gad buʼan, “Maaloo, saba kana jaamsi”+ jedhee Yihowaa kadhate. Kanaafuu, akkuma Eelsaaʼi gaafatetti inni isaan ni jaamse. 19 Eelsaaʼis, “Karichi kana miti; magaalattiinis kana miti. Ana duukaa buʼaa; gara namicha isin barbaaddan sanaatti isinan geessa” isaaniin jedhe. Haa taʼu malee, gara Samaariyaatti+ isaan geesse.

20 Yommuu isaan Samaariyaa gaʼanis Eelsaaʼi, “Yaa Yihowaa, isaan akka arganiif ija isaanii bani” jedhe. Yihowaanis ija isaanii ni bane; isaanis Samaariyaa gidduu akka jiran argan. 21 Mootiin Israaʼelis yommuu isaan argu Eelsaaʼiin, “Yaa abbaa koo, isaan ajjeesuu? Isaan ajjeesuu?” jedhe. 22 Inni garuu, “Isaan ajjeesuu hin qabdu. Namoota goraadee fi iddaa keetiin boojitee fudhatte ni ajjeestaa? Nyaatanii dhuganii gara gooftaa isaaniitti akka deebiʼaniif, midhaanii fi bishaan isaaniif kenni”+ isaan jedhe. 23 Kanaafuu, inni affeerraa guddaa isaaniif qopheesse; erga isaan nyaatanii dhuganii boodas gara gooftaa isaaniitti akka deebiʼaniif isaan erge. Sana booda tuutni weerartootaa warra Sooriyaa+ takkaa illee deebiʼee gara biyya Israaʼel hin dhufne.

24 Sana booda Benhadaad mootiin Sooriyaa guutummaa raayyaa waraanaa* isaa walitti qabee ol baʼuudhaan Samaariyaatti marse.+ 25 Kanaafuu, Samaariyaa keessatti beelli cimaan ni kaʼe;+ yeroo magaalattiin marfamtee turtetti, mataan harree+ tokkoo meetii sheeqilii* 80 hamma baasutti gaʼee, kosiin gugee* safartuu qaabii* harka afur keessaa harki tokko immoo meetii sheeqilii 5 hamma baasutti gaʼee ture. 26 Mootiin Israaʼel dallicha irra utuu darbaa jiruu dubartiin takka, “Yaa gooftaa koo yaa mootii, na gargaari!” jettee gara isaatti iyyite. 27 Innis yeroo kanatti, “Yihowaan yoo si gargaaruu baate, ani eessaan gargaarsa siif argachuu dandaʼa? Bakka oobdiitii moo bakka wayinii yookiin zayitii itti cuunfanii ti?” ishiidhaan jedhe. 28 Achiis mootichi, “Rakkinni kee maali dha?” jedhee ishii gaafate. Ishiinis deebistee akkana isaan jette: “Dubartiin tun, ‘Harʼa akka isa nyaannuuf ilma kee fidi; ilma koo immoo boru nyaanna’ naan jette.+ 29 Kanaafuu, nuti ilma koo affeellee nyaanne.+ Guyyaa itti aanutti immoo ani, ‘Isa akka nyaannuuf ilma kee fidi’ ishiidhaan nan jedhe. Ishiin garuu ilma ishii ni dhoksite.”

30 Mootichis wanta dubartittiin jette akkuma dhagaʼeen uffata isaa ni tarsaase.+ Yommuu inni dallicha irra darbus, namoonni akka inni uffata isaa jalatti uffata gaddaa uffate ni argan. 31 Achiis, “Mataan Eelsaaʼi ilma Shaafaax harʼa isa irra yoo bule, Waaqayyo adaba guddaa na haa adabu!” jedhe.+

32 Eelsaaʼi mana isaa keessa taaʼee kan ture yeroo taʼu, jaarsoliinis isaa wajjin taaʼanii turan. Mootichi nama tokko of dura buusee gara isaatti erge; namichi achi gaʼuu isaa dura garuu Eelsaaʼi jaarsolii sanaan, “Namichi ilma nama nama ajjeesu+ sanaa kun mataa koo ana irraa mursiisuuf nama akka natti erge ni argituu? Namichi ergame sun yommuu dhufu isa eegaatii balbalicha cufaa; achiis itti cufaatii balbalicha qabadhaa. Sagaleen kottee gooftaa isaa isa duubaan ni dhagaʼama mitii?” jedhe. 33 Utuma inni isaanii wajjin dubbachaa jiruus ergamaan sun gara isaa ni dhufe; mootichis, “Badiisni kun Yihowaa biraa dhufe. Ani kana caalaa maaliifan Yihowaa eega?” jedhe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi