Baʼuu
5 Sana booda, Musee fi Aaron gara Faraʼoon deemanii akkana isaan jedhan: “Yihowaan Waaqni Israaʼel, ‘Lafa onaa keessatti ayyaana akka naaf kabajaniif saba koo gadhiisi’ jedha.” 2 Faraʼoon garuu, “Ani isaaf ajajamee Israaʼeliin akkan gadhiisuuf,+ Yihowaan kun eenyu?+ Ani matumaa Yihowaa hin beeku; Israaʼeliinis hin gadhiisu” jedhe.+ 3 Isaan garuu, “Waaqni Ibrootaa nutti dubbatee ture. Maaloo, gara lafa onaatti adeemsa guyyaa sadii deemnee Waaqa keenya Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessuu barbaanna;+ taʼuu baannaan garuu, inni dhukkubaan yookiin goraadeedhaan nu fixa” isaan jedhan. 4 Yeroo kanatti mootiin Gibxii, “Isin Musee fi Aaron, uummaticha hojii kan hiiksistan maaliifi? Hojii humnaa* keessanitti deebiʼaa!” isaaniin jedhe.+ 5 Faraʼoon itti fufuudhaan, “Uummatichi biyyattii keessatti hammam akka baayʼatu ilaalaa; isin immoo hojii humnaa isaan hojjetan irraa akka boqotan gochuuf jettu” jedhe.
6 Guyyuma sanatti Faraʼoon akkana jedhee toʼattoota hojichaa fi hojjechiistota isaanii ajaje: 7 “Kana booda uummatichi xuubii yeroo hojjetutti cidii hin kenninaafii.+ Ofuma isaaniitiin deemanii cidii haa sassaabbatan. 8 Haa taʼu malee, xuubii hammuma duraan dhiheessaa turan akka dhiheessan isaan dirqisiisuu qabdu. Dhibaaʼaa waan jiraniif,* baayʼina isaa isaaniif hin hirʼisinaa. Isaan, ‘Deemuu barbaanna; Waaqa keenyaaf aarsaa dhiheessuu barbaanna!’ jedhanii iyyaa kan jiran kanaafi. 9 Akka isaan oduu sobaatiif xiyyeeffannaa hin kennineef, hojicha itti cimsaa; akkasumas itti baayʼisaa.”
10 Kanaafuu, toʼattoonni hojichaa+ fi hojjechiistonni isaanii baʼanii uummatichaan akkana jedhan: “Faraʼoon akkana jedheera: ‘Kana booda cidii isiniif hin kennu. 11 Deemaatii bakka argachuu itti dandeessan kam irraa iyyuu ofuma keessanii cidii fidadhaa; haa taʼu malee, hojiin keessan matumaa isiniif hin hirʼifamu.’” 12 Uummatichis iddoo cidii agadaa* barbaaddachuuf guutummaa biyya Gibxii keessa faffacaʼe. 13 Toʼattoonni hojichaas, “Tokkoon tokkoon keessan akkuma yeroo cidiin isiniif dhihaachaa turetti gochaa turtan, guyyaa hundumaa hojii isin irraa eegamu xumuruu qabdu” jedhanii dhiibbaa isaan irratti godhu turan. 14 Kana malees, hojjechiistonni Israaʼelotaa warri namoonni Faraʼooniif hojii toʼatan sabicha irratti muudan ni reebaman.*+ Isaan, “Xuubii hamma kanaan dura tolchaa turtan kan hin tolchine maaliifi? Kaleessas taʼe harʼa akkana gootaniittu” isaaniin jedhan.
15 Kanaafuu, hojjechiistonni Israaʼelotaa gara Faraʼoon dhaqanii akkana jedhanii isatti iyyatan: “Tajaajiltoota kee irratti akkana kan gootu maaliifi? 16 Nu tajaajiltoota keetiif cidiin kennamaa kan hin jirre taʼus, isaan, ‘Xuubii hojjedhaa!’ nuun jechaa jiru. Kan balleesse namoota kee taʼus, nuti tajaajiltoonni kee reebamaa jirra.” 17 Inni garuu akkana isaaniin jedhe: “Isin dhibaaʼaa jirtu, dhibaaʼaa jirtu!+ ‘Deemuu barbaanna; Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessuu barbaanna’ jechaa kan jirtan kanaafi.+ 18 Kanaafuu, amma deemaa; hojii keessanitti deebiʼaa! Cidiin isiniif hin kennamu; taʼus, xuubii hamma isin irraa barbaadamu tolchuu qabdu.”
19 Yeroo kanatti hojjechiistonni Israaʼelotaa ajaja, “Xuubii guyyaa guyyaadhaan isin irraa barbaadamu matumaa hirʼisuu hin qabdan” jedhuun kan kaʼe rakkina guddaa keessa akka galan ni hubatan. 20 Sana booda isaan Musee fi Aaron warra yeroo isaan Faraʼoon biraa baʼanitti isaan simachuuf achi dhaabbatanii turanii wajjin wal argan. 21 Isaanis yeruma sana, “Isin Faraʼoonii fi tajaajiltoonni isaa akka nu tuffatan* waan gootaniif, akkasumas akka nu ajjeesaniif harka isaanii keessa goraadee waan keessaniif, Yihowaan isiniif haa ilaalu; murtiis haa kennu” isaaniin jedhan.+ 22 Achiis Museen Yihowaatti garagalee akkana jedhe: “Yaa Yihowaa, uummata kana irratti rakkina kan fidde maaliifi? Maaliif na ergite? 23 Yeroo ani maqaa keetiin dubbachuuf Faraʼoon duratti dhihaadhee kaasee,+ inni uummata kanatti caalaatti hammaachaa jira;+ atis dhugumaan saba kee hin oolchine.”+